Balaawwan fayyaa hawaasaa yeroo garagaraatti mudataniifdeebii kennuuf dandeettiin uumameera - ENA Afaan Oromoo
Balaawwan fayyaa hawaasaa yeroo garagaraatti mudataniifdeebii kennuuf dandeettiin uumameera

Ebla 30/2017(TOI)- Balaawwan fayyaa hawaasaa yeroo garagaraatti mudataniifdeebii kennuuf dandeettiin uumamaa akka jiru ministirri fayyaa D.r Maqdas Dhaabaa ibsan.
Inistiitiyuutiin fayyaa hawaasaa Itiyoophiyaa jiddugaleessa to’annoo balaa fayyaa hawaasaa jiddugala ga’oomaa fayyaa hawaasaa akka ta’u sagantaan jalqabsiisaa raawwatameera.
Ministirri fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa sagantaa kanarratti akka jedhanitti, bakka bu’oonni dhaabbata fayyaa addunyaa fi CDC Afrikaan dabalatee hooggantoonni biiroo fayyaa naannolee saganticharratti argamaniiru.
Ministirri fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa wayita kana, jiddugaleessi ga’oomaa ifatti hojii jalqabe sirnoota dursaan akeekkachiisuu, qophii akkaataa deebii kennuu fi deebisanii dhaabuu ofkeessaa qabaachuu ibsaniiru.
Daarektarri olaanaa inistiitiyuutii fayyaa hawaasaa Itiyoophiyaa Dr. Masaayi Hayiluu gamasaaniin, inistiitiyuutichi qophii fi dandeettii sadarkaa idil addunyaatti dhukkuba ittisuu dandeessisu akkasumas yaaddoo saaxilummaarratti niqorata.