Tajaajila si’ataa fi hojmaata Ammayyaa’aaf abbaa waraqaa eenyummaa dijiitaalaa faayidaa  ta’uun  nibarbaachisa-Dr.Injiinar Nagaash Wageeshoo

Ebla 30/2017 (TOI)-Hojmaata Ammayyaa fi Tajaajila  si’ataa argachuuf   abbaa waraqaa eenyummaa biyyoolessaa Dijitaala Faayidaa ta’uun barbaachisadha jechuun Itti Aanaan Pirezidaantii  Naannoo Uummattoota  Kibba Lixa  Itiyoophiyaa  Dr.Injiinar Nagaash Wogeeshoo dubbatan.

 Waltajjiin jalqabsiisa Sagantaa waraqaa eenyummaa dijitaalaa faayidaa naannichaa Magaalaa Mizan Amaanitti gaggeeffamameera.

Saganticha irratti argamuun ergaa kan dabarsan Itti Aanaan Pirezidaantii  Naannoo uummattoota  kibba lixa  Itiyoophiyaa  Dr.Injiinar Nagaash Wageeshoo  dhimmi waraqaa Eenyummaa dijitaalaawaa dhimma bu’uuraa ta’uu dubbataniiru. 

Haala jireenya salphisuuf hojmaata ammayyaa’aa fi tajaajila Si’ataa argachuuf abbaa waraqaan eenyummaa Dijitalaa Faayidaa ta’uun barbaachisaa ta’uu  hubachiisaniiru.

Lammiileen Eenyummaan isaanii akka Addunyaatti akka beekamu gochuurra darbee, tajaajiloota adda addaa salphaatti akka argatan kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. 

Hojmaata  to’annaa  fi  iftoominaa, ittigaafatamummaa jiru diriirsuuf hunduu abbaa waraqaa eenymmaa dijiitalaa ta’uu akka qabu  ergaa isaanii dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015