Yaa’iin nagaa, waloomaa fi misoomaa idil addunyaa Finfinneetti nitaa’ama

Ebla 30/2017(TOI)- Yaa’iin nagaa, waloomaa fi misoomaa idil addunyaa sadaffaan Caamsaa 5 amma 6 bara 2017tti Finfinneetti akka taa’amu gumiin dhaabbilee amantaa Itiyoophiyaa beeksise.

Barreessaan walii gala gumichaa Liqa Tiguhaan Qesiis Taagaayi Taaddalaa taatee kana ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Gumiin nagaa fi waloomaa idil addunyaa kun dhaabbilee Foramii Intarfeezii G20, gamtaa Afriikaa fi dhaabbilee garagaraa gamtaa Afriikaa jala jiran waliin tumsaan kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru.

Abbootiin olaanoo gumichaa, gaggeessitoonni amantaa idil addunyaa,hayyoonni, gaggeessitoonni dhaabbilee mootummaa fi mit mootummaa sadarkaa ardii fi idil addunyaa jiranii fi kannee biroo nihirmaatu.

Dabalataanis yaa’ichi galmoota misoomaa fulla’aa mootummoota gamtoomanii, ajandaa Afriikaa 2063 fi yaa’ii 2025 hooggantootaa biyyoota miseensa garee 20 Fulbaana  dhufu Afriikaa Kibbaatti taa’amu irratti akka xiyyeeffatu ibsaniiru.

Yaa;iin kun yaa’ii biyyoota miseensa garee 20 dursee kan taa’amu yoo ta’u, yaadonni yaa’ii kanarraa argaman walgahii biyyoota miseensaaf akka dhihaatu dubbataniiru.

Nagaa cimsuu, eegumsa mirga namoomaa, jijjiirama haala qilleensaa, eegumsa qabeenya uumamaa, barnootaa fi ajandaawwan misoomaa biroorratti mari’achuun biyyoota miseensa garee 20’f nidhihaata,

Ameerikaa Kaabaa, Awurooppaa, Isiyaa, Afriikaa fi biyyoota addunyaa biroorraa hooggantoonni dhaabbilee amantaa, gaggeessitoonni aadaa, namoonni dhageettii qabanii fi hayyoonni 80 caalan nihirmaatu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015