Qotee bulaan odeeffannoo misooma midhaanii akka argatuuf lakkooftuun yeroo misooma Midhaanii ifoome - ENA Afaan Oromoo
Qotee bulaan odeeffannoo misooma midhaanii akka argatuuf lakkooftuun yeroo misooma Midhaanii ifoome

Ebla 30/2017 (ToI)-Qotee bulaan Odeeffannoo Misooma Midhaanii akka argatu kan gargaaru gabateen lakkooftuu yeroo biyyaalessaa ifoome.
Ministeerri Qonnaa Agiroo Ikooloojii biyyaa bu’uura kan godhate paakeejii Ekisteenshinii gabatee lakkooftuu yeroo irratti qooda fudhattoota waliin mari’ateera.
Ministeera Qonnaatti dursaan hojii raawwachiisaa Misooma Midhaanii Obbo Isayaas Lammaa, lakkooftuun waqktii yeroo misooma midhaanii qophaa’e qonnaan bulaan midhaan naannoo isaatiif mijatu adda baasuun yeroo sirriitti , facaasuu akka danda’u kan gargaarudha jedhaniiru.
Akkasumas Qotee bulaan Odeeffannoo qabachuun qophii lafaa, facaasaa sanyii fi omishaa walitti qabuu kan dandeessisu tahuu dubbataniiru.
Oofiisaarri sagantaa pirojektii Agraa Itiyoophiyaa Obbo Ayyalaa Gabree amlaak, Ministeera Qonnaa waliin qindoomuun, biyyichatti akkaataa haala qilleensa naannootiin, midhaan haala naannoof mijataa ta’an haala waqtii eegeen omishuun aadeffannaa akka akka ta’u hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Saganticha irratti kan hirmaatan barsiisaa yuunversiitii Finfinnee Profeesar Admaasuu Tsagaayyee Itiyophiyaatti Ikkoolojiin adda addaa 32 ol tahan jiraachuu ibsaniiru.
Ekisteenshinii Midhaanii haala naannoo bu’uureffatan babal’isuuf ministeera qonnaa waliin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Gabateen lakkooftuu yeroo naannoolee biyyattii hunda hammate kan hin turre ta’uu ibsuun amma kan qophaa’e hanqinicha furuu irra darbee omishaa fi omishtummaan akka dabaluuf shoora guddaa qaba jedhaniiru.
Hirmaattota keessaa Biiroo Qonna oromiyaatti Daarekteerri Misooma midhaanii Obbo Musxafaa Huseen lakkooftuun gabatee yeroo omisha midhaanii Qotee bulaa fi qooda fudhattoonni hundi waqtii sirriitti hubachuun akka hojjetan kan isaan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. otee bulaan hojii ittisa Ilbiisaa fi Aramaa yeroosatti akka raawwatu kan dandeessisu ta’uus himaniiru.
Waltajjicha irratti Ogeessonni Ministeera Qonnaa fi Qorattoonni, Gorsitoonni, Ogeessonni Projektii Agraa, fi itti gaafatamtoonni Biiroo Qonnaa naannoolee argamaniiru.