Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin uwwisa Bosona Itiyoophiyaa irratti jijjiiramni Guddaan dhufaa jira

Ebla 30/2017(ToI)-Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin uwwisa Bosona Itiyoophiyaa irratti jijjiiramni guddaan dhufaa jiraachuu Daarektarri Olaanaan Misooma Bosonaa Obbo Kabbadaa Yimaam Ibsan.

TOI Sagantaa Misooma Magariisaan Uwwisa Bosonaan faayidaa argisiisu irratti,  Misooma Bosona Itiyoophiyaa fi  Koree Olaanoo  Ashaaraa Magariisaa waliin turtii taassisaniiru.

 Daarektarri Olaanaan  Misooma Bosona Itiyoophiyaa Obbo Kabbadaa Yimaam akka jedhanitti, Itiyoophiyaan Dinagdee jijiirama qilleensaan hin miidhamne ijaaruuf karoora qabatte keessaa sagantaan Ashaaraa Magariisaa isa olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Sagantichi ammaan dura miidhaa qabeenya uumamaa irra  gahaa ture  ittisuu irra darbee  uwwisa bosonaa guddisaa dhufuu ibsaniiru.

Ammaan dura miidhaan Qabeenya Uumamaa irra gahaa turuu ibsuun, sagantaan Ashaaraa Magariisaa hojiirra ooluu erga jalqabee fedhii qoraanii fi Ijaarsaa Guutuu irra darbee  Miidhaan Misooma Bosonaa irra gahu akka hir’atuuf gumaacha guddaa  gumaachuu ibsaniiru.

Sagantichi dhiqama biyyee ittisuun   hidhi haaromsaa  dubbishiin  akka hin guutamne  gochuu irra darbee lageen  waggaa guutuu yaa’insa madaalawaa akka qabaatan gochuuf faayidaa olaanaa  argamsiisuu himaniiru.

Waggaa waggaan bosona hektaara kuma 29 irratti  Mancaatiin gahaa kan ture  Qorannoo Waggaa darbe gaggeeffameen  gara hektaara kuma 27tti gad hir’achuun milkaa’ina  guddaa ta’uu obbo Kabbadeen beeksisaniiru.

Biqiltuuwwan dhaabaman xaawulaa fi omisha mukaa biroo  sharafa Alaan argamu bakka bu’uuf abdiin kan ta’udha jedhaniiru. 

Walitti qabaan Koree Teeknikaa Ashaaraa MagariisaaDr.Adafris Warquu Biqiltuuwwan Sagantichaan Dhaabbaman uwwisa bosona biyyittii guddisuu kan danda’an gosa bosonaa   dhibbentaa  40 hanga 48 ta’uu ibsaniiru.

 Kunis  qabeenyi uumamaa akka  hin badne uwwisa bosonaa guddisuun gosa sanyii  Biqiltootaa  eeguun dhalootaaf dabarsuuf  fayidaa qabaachuu  ibsaniiru.

Bara kana Biqiltuuwwan dhaabbachuuf qophaa’an keessaa Biliyeena 2 tuqaa 3 kan ta’an gosa   mandhaalee  mukeen  akka ta’an  xiyyeeffannoon kennamuu ibsaniiru.  

Kunis milkaa’ina guddaa ta’uu himuun, gosni mukeenii mandhaaleen baduuf  turan oolchuun faayidaa nannoof, hawaasummaa fi Dinagdeef qabaachuu Dr. Adafris  Ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015