Ministeerri hojii fi ogummaa hojiilee sirna hojmaataa ammayyeessan raawwachaa jira- ministira Mufariyaat Kaamil

Ebla 30 /2017 (TOI)- Ministeerri hojii fi ogummaa tajaajil;asaa haqa qabeessaa fi qaqqabaa taasisuun alatti sirna hojmaataasaa ammayyeessaa jiraachuu ministirri Mufariyaat Kaamil ibsan.

Waltajjiin marii komishiniin naamusaa fi farra malaammaltummaa federaalaa qorannoon hojii biyya alaa ilaalchisuun qorate ifoomsuuf qophaa’e  taa’amaa jira.

Maricha ilaalchisuun ministirri hojii fi dandeettii Mufarihaat Kaamil ergaa dabarsaniin, ministeerichi hojiiwwan sirna hojmaataa ammayyeessan raawwachaa jira.
 

Sektaricha hojmaata badaa irraa baraaruu fi haqa buusuuf hojmaata teeknooloojiin deeggarame hojii hojjetaman keessaa isa tokkodha.

Hojii biyya alaa qaqqabamaa taasisuun gamatti carraa hojii gama uumuutiin bu’aan onnachiisaan argamuusaa kaasaniiru.

Haata’u malee hojiin kun ejensiiwwan seraan alaan raawwatanaa akka jiru eeranii, seeraan gaafachuuf qooda fudhattoota waliin hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Qorannoon komishiniin naamusaa fi farra malaammaltummaa qorate alseerummaa qolachuuf, to’achuu fi gaafatamummaa hojiirra oolchuuf guddaa gargaara jedhaniiru.

Kanarraa ka’uun hir’inoonni akka sirreeffaman cimsanii kaasaniiru.

Itti aanaan komishinarii komishinii naamusaa fi farra malaammaltummaa Isheetee Asfaawu gamasaaniin, hojmaanni ifaan mootummaan dhaabbilee sakatta’uuf diriirse to’annaa taasifamuuf haala gaarii uumaa akka jiru dubbataniiru.

Qorannaan har’a dhihaatu kunis qaama kanaa ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015