Ganna kana naannoo Oromiyaatti lafti heektaara miiliyoona 11 caalu nimisooma - ENA Afaan Oromoo
Ganna kana naannoo Oromiyaatti lafti heektaara miiliyoona 11 caalu nimisooma

Ebla 30/2017(TOI)- Ganna kana naannoo Oromiyaatti lafti heektaara miiliyoona 11 caalu Kk misoomu hoogganaan biiroo qonnaa naannichaa obbo Geetuu Gammachuu ibsan.
Sagantaan sadarkaa naannootti qonna baranaa jalqabsiisuuf qophaa’e har’a godina Arsi aanaa Heexosaa ganda Shaaqii Shararaatti adeemsifameera.
Hoogganaan biiroo qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu wayita kana akka ibsanitti, bara oomishaa 2017/18 naannichatti lafti heektaara miiliyoona 11 caalu nimisoom.
Qonna gannaarraa oomisha kuntaala miiliyoona 360 galchuuf karoorfamuu ibsanii, lafa misoomu keessaa harki 80 kilaastaraan akka qotamu dubbataniiru.
Harka 42 kan ta’u ammoo meekaanaayizeeshiniin akka misoomu eeranii, hojiin qonnaa guyyaa har’aa godina Arsi aanaa Heexosaa ganda Shaaqii Shiraraatti jalqabame oomishaa fi oomishtummaa guddisuu fi karoora milkeessuuf gargaarsa guddaa taasisa jedhaniiru.
Barana tiraaktaroonni qonnaan bulaan naannichaa bite 500 dabalatee Tiraaktaroonni kuma 10 ta’an hojiirra akka jiran himaniiru.
Xaa’oo qonna gannaaf qonnaan bulaa biraan gahuuf karoorfame kuntaala miiliyoona 10 caalu keessaa amma ammaatti kuntaalli miiliyoona 5 caalu qonnaan bulaa raabsamaa jira jedhaniiru.
Bulchaan godina Arsii obbo Ibraahim Kadir gamasaaniin, godinichatti bara oomishaa 2017/18 lafti heektaara kuma 900 ol nimisooma.
Amma ammaatti lafti heektaarri kuma 500 caalu qotamee sanyii filatamaa fi xaa’oon qonnaan bulaa qaqqabaa akka jiru himaniiru.