Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee Mooskoo Dhaqan - ENA Afaan Oromoo
Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee Mooskoo Dhaqan

Ebla 30/2017(TOI) Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee ayyaana Injifannoo Ruusiyaa 80ffaa boru kabajamurratti argamuuf har’a ganama Mooskoo Dhaqaniiru.
Waraanni addunyaa lammaffaa dhaabbachuusaatiin keessumaammoo gamtaan Sooviyeet duraanii injifannoo Naazii Jarmanirratti gonfate yaadachuun ayyaana boru magaalaa muummee Ruusiyaa Mooskootti yeroo 80ffaaf kabajamuuf, hooggantoonni addunyaa hedduun ni’argamu jedhameetu eegama.
TOI’n bakkarraa akka gabaasetti, hooggantoonni biyyoota Afriikaa hedduun pirezidaantota Chaayinaa fi Ruusitaa dabalatee ayyaana injifannoo kanarratti nihirmaatu.
Pirezidaant Tayyee Atsqasillaasee ayyaana Injifannoo Ruusiyaa waggaa 80ffaa cinaatti qaamolee garagaraa waliin marii dippilomaasii gamlamee akkasumas biyyoota hedduu nitaasisu jedhameetu eegama.
Odeeffannoowwan akka agarsiisanitti yeroo ammaa hariiroon dippilomaasii dameewwan garagaraa Itiyoophiyaa fi Ruusiyaa jidduu jiru gabbachaa dhufeera.
Biyyoonni lamaan hariiroo tumsa fayyaa, dippilomaasii dinagdee, daldala, Invastimantii fi teeknooloojiin qaban yeroo yerootti guddisaa kan jiran yoo ta’u, kunis waliigaltee fi marii dhiheenya taasifamaniin sanadoonni waliigaltee hedduu (MoUs) waliigalteerra gahamuun niyaadatama.
Fakkeenyaaf bara kana jalqaba baatii Sadaasaa 2017 fooramii biizinasii biyyoota lamaanii mata duree “Ruusiyaan fi Itiyoophiyaa tumsaaf yeroo hineegan” jedhuun Finfinneetti taa’ame aanga’oonni biyyoota lamaanii, hawaasni daldalaa fi invataroonni irratti hirmaatanii ture.
Pirezidaant Taayyeen WAYITA Mooskoo gahan federeeshinii Ruusiyaatti aanga’aan olaanaan ministeera dhimma alaa Anaatolii Baashkiin simataniiru.