Dandeettii dubartootaa fi dargaggootaa caalaatti gargaaramuun tiraanisfoormeeshinii Afriikaa si’achiisuun nibarbaachisa-Af-yaa’ii Taaggasee Caafoo - ENA Afaan Oromoo
Dandeettii dubartootaa fi dargaggootaa caalaatti gargaaramuun tiraanisfoormeeshinii Afriikaa si’achiisuun nibarbaachisa-Af-yaa’ii Taaggasee Caafoo

Ebla 29/2017 (TOI)- Dandeettii dubartootaa fi dargaggootaa caalaatti gargaaramuun tiraanisfoormeeshinii Afriikaa si’achiisuun akka barbaachisu Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasee Caafoo ibsan.
Agarsiifni fi Konfaransiindubartoota hojii uumanii gabaa waloo Afriikaa bahaa fi kibbaa (Komeessaa) har’a dabalatee guyyoota sadiif turu Finfinneetti eegalameera.
Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasee Caafoo baniinsa agarsiisa daldalaarratti akka jedhanitti, ajandaa Afriikaan bara 2063 mikeessuun qabatte keessaa tokko walqixummaa fi fayyadama dinagdee dubartootaa mirkaneessuudha.
Itiyoophiyaan biyya komeessaa hundeessite ta’uu eeranii, waliigaltee riijinii daldala bilisaa Afriikaa bu’a qabeessa taasisuuf carraaqqii guddaa taasisaa akka jirtu himaniiru.
Komeessaan dubartoota hojii uumaniif deeggarsa taasisaa jiru cimsee akka itti fufu gaafataniiru.
Ministirri daldalaa fi walitti hidhata riijinii Dr. Kaasahuun Goofee akka ibsanitti, biyyoonni miseensa Komeessaa hojii daldalaa dubartootaa keessatti shoora guddaa qabu.
Qormaata keessa darbanii daldalaan bu’a qabeessa kan ta’an hedduu ta’uusaanii eeraniiru.
Dubartoonni hojii uumtonni miseensa biyyoota Komeessaa 200 caalan agarsiisa daldalaa fi baazaaricharratti oomishaa fi tajaajilasaanii dhiheessaniiru.