Inistiitiyuutiin fayyaa hawaasaa magaalaa Waraabeetti tajaajila qorannoo Laaboraatorii jalqabsiise

Ebla 29/2017(TOI)- Inistiitiyuutiin fayyaa hawaasaa biiroo fayyaa naannoo jiddugala Itiyoophiyaa magaalaa Waraabeetti har’a tajaajila qorannoo Laaboraatorii jalqabsiisera.

Itti aantuun Daarektaraa fi qindeessituun damee laaboraatoorii inistiitiyuutichaa Dr. Saaroo Abdallaa akka jedhanitti, laaboraatoorichi qorannoo HIV eedsii CD4 dabalatee weerara tasa mudatan 30f sammuuda fudhachuun adda nidaasa.

Hoogganaan biiroo fayyaa naannichaa obbo Saamu’eel Daargee gamasaaniin, tajaajilli laaboraatoorii kun tajaajila fayyaa kennamu si’ataa akka taasisu dubbataniiru.

Laaboraatooriin kun tajaajila eegaluunsaa bu’aa bayii tajaajila kana argachuuf ture akka hambisu kan dubbatan ammoo daarektara olaanaa inistiitiyuutii fayyaa hawaasaa obbo Maammush Huseeni.

Hooggantoonni olaanoon federaalaa, naannoo, godina Silxee sagantaa jalqabsiisaa kanarratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015