Maatii cimaa dhaabuun hawaasa jabaa uumuuf xiyyeeffatameera - ENA Afaan Oromoo
Maatii cimaa dhaabuun hawaasa jabaa uumuuf xiyyeeffatameera

Ebla 29/2017(TOI)- Maatii cimaa dhaabuun hawaasa dinagdee fi hawaasummaan jabaa uumuuf xiyyeeffatamee hoojjetamaa akka jiru ministeerri dubartootaa fi dhimma hawaasummaa ibse.
Ministeerichi guyyaa maatii idil addunyaa barana mata duree “hojii fi galiin maatii fooyya’aan dinagdee biyyaaf” jedhuun kabajamu ilaalchisuun waltajjiin miidiyaa fi qooda fudhattootaaf qopheesse magaalaa Adaamaatti taa’ameera.
De’eetaan miistira dubartootaa fi dhimma hawaasummaa Huriyaa Alii TOI’f ibsa kennaniin, mootummaan nageenyaa fi oomishtummaa maatii eegsisuuf imaammataa fi caasaa diriirsee hojjechaa jira.
Guyyaan maatii baranaa wayita kabajamu gumaacha dinagdee maatii guddisuuf, kutaalee hawaasaa rakkoof saaxilamanyaadachuu fi deeggaruuf akka hojjetu ibsaniiru.
Ministeerichatti dursaan hojii raawwachiisaa maanguddootaa fi maatii obbo Tasfaayee Roobalee gamasaaniin, maatiin bu’ura hawaasaa fi biyyaa waan ta’eef eegumsii fi kunuunsi isaaniif mala jedhaniiru.
Hirmaattota keessaa adde Ayyehu Dammaqaa yaada kennaniin, biyyi dinagdeen guddachuu kan danda’uu maatiin amala gaariin yoo ijaaramedha jedhaniiru.