Federeeshiniin dubartoota Itiyoophiyaa ajandaalee walitti qabe komishinii maree biyyaalessaaf kenne

Ebla 29/2017(TOI)- Federeeshiniin dubartoota Itiyoophiyaa ajandaalee guutummaa biyyattiirraa walitti qabaman komishinii maree biyyaalessaaf kenneera.

Pirezidaantiin federeeshinichaa adde Askaalee Lammaa komishinara olaanaa komishinii maree biyyaalessaa piroofeessar Masfin Ar’ayyaaf kennaniiru.

Ajandaaleen naannolee fi bulchiinsota magaalaa hundarraa kan walitti qabaman ta’uu ibsaniiru.

Komishinariin olaanaa komishinii marii biyyaalessaa piroofeesar Masfin Ar’ayaa, ajandaa bochuun ajandaawwan ijoo ta’anirratti mariin biyyaalessaa akka taasifamu hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Haala Kanaan dhimmoota garaagarummaan irratti uumamerratti haala mijataa waliigalteen itti taasifamu uumuuf hojjecha akka jiru ibsaniiru.

#Oromiyaa

#Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa

#TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015