Mul’ata Itiyoophiyaa Milkeessuuf hunduu gaheesaa bahuu qaba-Ministir Dr.Laggasaa Tulluu

Ebla 29/2017(TOI)-Mul’ata Badhaadhina Itiyoophiyaa milkeessuuf  hunduu  sadarkaa gaheesaa bahu akka qabu Ministirri Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Dr.Laggasaa Tulluu hubachiisan.

Hoggantoonnii fi hojjettoonni Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa sanada biyyoolessa mataduree ‘mahaal zaman ” jedhuun qophaa’e irratti marii’ataniiru.

Ministirichi mariisana irratti akka jedhanitti dhaabbileen fi  namoonni  dhuunfaa, gahumsaa fi itti gaafatamummaa itti kenname qulqullinaan bahannaan badhaadhina Itiyoophiyaa kan dhugoomsan ta’uu, milkaa’inoonni bara darbanii ragaadha jedhaniiru.

Gareen Miidiyaa fi Komunikeeshinii itti gaafatamummaa itti kenname, faayidaa biyyoolessaa  Itiyoophiyaa hubachiisuu,Tarsiimoo Mootummaa, karooraa fi raawwii beeksisuu  ta’uu hubachiisaniiru.

Damee kana beekumsaan gaggeessuu fi ajandaawwan Faayidaa biyyoolesaa Itiyoophiyaa irratti kaafaman ofirraa faccisuu fi  ga’umsaan gaggeessuu ta’uu  ibsaniiru.

Sanada marii mata duree Yemehal zemen /Jabana gidduu galaa/ jedhuun dhiheessan De’eetan Tajaajila Ministeerichaa Tasfaahun Gobezaayi  gama isaaniin, waggoottan 7 darabanitti hojiiwwan hojjetaman bu’uurarraa  guddina galmeessaa jiraachuu ibsuun, jijjiirama kana itti fufsiisuuf cimuu akka qabnu hubachiisaniiru.

 Biyyi keenya adeemsa jijiiramaa keessa kan dabarte humnoota gufuu ta’an  mo’uu qofaan osoo hin taane ; qormaata  uumamaa fi namtolchee  ce’uushee ibsaniiru.

Hongee, beela,Weerara Girrisaa, Vaayireesii Koronaa, walitti bu’insi qormaata jijjiiramaa turuu ibsaniiru.

Gaaffii  Hawaasaa deebisuun, sirna siyaasaa hirmaachisaa ta’e diriirsuun, riifoormii fi guddinaan dinagdee  itti fufsiisuun , jijjiirama seenessaa taassisuun fi qormaatilee dandamachuun milkaa’inni heduun galmaa’uu Obbo Tasfaahun  ibsaniiru. 

Hirmaattonni waltajjichaa sanadichi dhimmoota adda addaa kan  ofkeessatti hammatee fi haala qabatamaa bu’uura kan qodhate ta’uu  ibsaniiru.

sadarkaa imala jijiirama biyyaa akka hubatan kan isaan dandeessise ta’uu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015