Tamsaasa Kallatti:

Adeemsi Afriikaa dinagdeen walitti makuu akka si’atu hirmaannaa dubartootaa caalaatti guddisuu barbaachisa-Af-yaa’ii Taaggasee Caafoo

Ebla 29/2017(TOI)- Adeemsi Afriikaa dinagdeen walitti makuu akka si’atu hirmaannaa dubartootaa caalaatti guddisuu akka barbaachisu Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasee Caafoo ibsan.

Agarsiifni daldalaa fi konfaransiin dubartoota hojii uumanii gabaa waloo Afriikaa bahaa fi kibbaa(komeessaa) 6ffaan Finfinneetti eegalameera.

Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasee Caafoo baniinsa agarsiisa daldalaarratti akka jedhanitti, ajandaawwan  Afrikaan bara 2063 milkeessuuf baafte keessaa tokko walqixxummaa fi fayyadama dinagdee dubartootaa mirkaneessuu ta’uu kaasniiru.

Hojiin qindaa’aa fi walsimate guddina  Afriikaa fulla’aaf qooda guddaa akka qabu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan hundeessituu Komeesaa ta’uu kaasanii, waliigaltee riijinii daldala bilisaa Afriikaa bu’a qabeessa taasisuuf carraaqqii guddaa taasifti jedhaniiru.

Riifoormiin dinagdee gooroo Itiyoophiyaan taasifte ddamee dhuunfaaf haala mijataa uumuu dubbataniiru.

Walitti makamuu dinAGDEE Afriikaa si’achiisuuf hirmaannaa dubartootaa caalaatti guddisuun akka barbaachisu ibsanii, deeggarsa Komeesaan dubartoota hojii uumaniif taasisaa jiru akka cimsu gaafataniiru.

Ministirri Daaldalaa fi walitti hidhata riijinii Dr. Kaasahuun Goofee gamasaaniin, dubartoonni miseensa Komeessaa sochii daldalaa keessa akka jiran ibsaniiru.

Qormaata keessa darbanii daldalaan bu’a qabeessa kan ta’an hedduu ta’uusaanii eeraniiru.

Itti aanaan dura taa’aa komishinii gamtaa Afriikaa ambaasaaddar Saalmaa Maalikaa,daldala Afriikaanota jidduutti taasifamu guddisuun walitti makama dinagdee Ardichaa si’achiisuun nibarbaachisa jedhaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015