Sosochiin Itiyoophiyaan haa’oomishtuu Industiriin oomishaa shoora akka bahu gargaareera

Ebla 29/2017(TOI)-Sosochiin Itiyoophiyaan haa’oomishtuu Industiriin oomishaa bakka bu’an oomishuu fi carraa hojii uumuun shoora akka bahu gargaaruusaa oomishtoonni ibsan.

Ebla 25 bara 2017 ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad eksipoo jiddugala konveenshinii idil addunyaa Addisitti qophaa’e eebbisanii banuunsaanii niyaadatama.

TOI’n oomishtoota oomishaa fi tajaajila isaanii qabatanii jiddugalicha dhufan yaada gaafateera.

Bakka bu’aan Iinaas Sooliishiin Yoonaas Shawaangizaawu eksipoon Itiyoophiyaan haa’oomishtuu oomishtummaaindustirii oomishaa guddisuun fi carraa hojii uumuun guddaa gumaachaa jira jedhaniiru.

Hojii raawwachiiftuun Shengaay Maashinarii Burtukaan Geetaahuun, maashinarii ijaarsaa konistiraakshinii Itiyoophiyaaf oolan oomishaa akka jiran dubbataniiru.

Xiyyeeffannoon industirii oomishaaf sosochii Itiyoophiyaatiin kenname oomisha bakka bu’aa fi carraa hojii uumuun shoora guddaa akka bahan taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Eksipoon kun sibiilota qulqullinaa fi sadarkaasaanii eeggatanii biyya keessatti oomishaman beeksisuun walitti hidhata gabaa uumuuf faayidaa guddaa akka qabu bakka bu’aan Peegaas Injiinariing Salamoon Taaddasaa dubbataniiru.

Dhaabbannisaanii qaama konkolaataa biyya alaatii galfamu oomishaa akka jiru beeksisaniiru.

Bakka buutuun Diikee Ooldi adde Yemissiraach Nigaatuu Eksipoon kun oomishaa fi tajaajilasaanii beeksisuun walittitti hidhata gabaa argachuuf carraa gaarii ta’uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015