Sagantaa tajaajila wiirtuu tokkoo agarsiistuu Milkaa’ina Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 dhugoomsuuf hojjetamaniiti-Ministeericha - ENA Afaan Oromoo
Sagantaa tajaajila wiirtuu tokkoo agarsiistuu Milkaa’ina Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 dhugoomsuuf hojjetamaniiti-Ministeericha

Ebla 29/2017(TOI)-Masoob tajaajilli wiirtuu tokkoo agarsiistuu milka’ina hojiiwwan dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 dhugoomsuuf eegalamani ta’uu Ministeerri Innoveeshinii fi Teekinooloojii beeksise.
Masoob tajaajilli wiirtuu yeroo Muummicha Ministiraa Dr, Abiy Ahmediin dhiheenya eebbifamee hojii eegaluunsaa ni yaadatama.
Giddugalichi baaxii tokko jalatti tajaajila mootummaa walqabsiisuun teekinoloojii dijiitaalaa fayyadamuun tajaajila kennamudha.
Gidugalichi lammiileen filannoowwan Teekinooloojii guutuu fayyadamuun dhaabbilee Federaalaa tajaajila adda addaa akka argatan kan dandeessisu yoo ta’u, dhaabbileen 12 qindoominaan tajaajila 41 ol kennaa jiru.
De’eetaan Ministira Innoveeshinii fi Teekinooloojii Dr.Yishuruun Alemaayoo TOI’f akka ibsanitti, Giddugalichi tajaajila hedduu bakka tokkotti kennuun tajaajila si’ataa fi mijataa yeroo tokkotti argachuu kan dandeessisudha.
Kunis aadaa tajajila kennuu kan guddisu ta’uus dubbataniiru.
TarsiimooDijiitaalaa Itiyoophiyaa 2025n tajaajila Mootummaa 800 ol Dijiitaalawaa gochuu ibsanii, kunis bu’aa qabeessummaa kenna tajaajilaa kan guddisu ta’uu ibsaniiru.
Kanaanis Tajaajilli wiirtuu tokkoo Dijiitala Itiyoophiyaa 2025 dhugoomsuuf hojiiwwan eegalaman agarsiisituu milkaa’inaa ta’uu ibsaniru.
Hojiiwwan milkaa’ina tarsiimoo Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2025n dhugoomsuuf hojjetamuu eegalani , dhiheessii fi fayyadamummaa ibsaa fi intarneetii babal’isun, gudduugalli daataa ijaaramaa jiraachuu ibsaniiru.
Tarsiimoo Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun qophaa’aa jiraachuu ibsaniiru.