Balaa tiraafikaa xiqqeessuu keessatti hunduu gaheesaa bahachuu qaba

Ebla 29/2017(TOI)-Yunivarsiitiin Madda Walaabuu akkaataa balaa tiraafikaa xiqqeessuun danda'amurratti qooda fudhattoota garagaraa waliin mari'ateera.

Yuunivarsiitichi leenjii nhubannoo nageenya tiraafikaa fi qabannaa ragaa diijitaalaa fooyyessuurratti xiyyeeffate poolisii tiraafikaatii fi ogeessota waajjiroota geejjibaa godina Baaleef tibbana Magaalaa Roobeetti leenjiin kenneera.

Ittifufuunis tajaajila nageenyummaa tiraafiikaarratti leenjii hubannoo cimsuu gochaan deeggarame abbootii amantaa, jaarsolii biyyaa fi barattoota manneen barnootaa magaalaa Roobeetiif kennameera.

Pirezidaantii ittaanaan dhimmoota akkaadaamii, qo'annoo fi qorannoo ce'umsa teeknooloojii Dr. Bazzaabbih Wandimmuu Yunivarsiitichi tajaajila baruuf barsiisuun cinaatti qorannoolee fedhii fi rakkoo hawaasaa bu'uureffatanirratti xiyyeeffatee hojjataa jiraachuu dubbatan.

Keessattuu balaa tiraafikaa yerorraa yerootti dabalaa dhufe hir'isuuf dandeettii raawwachiisummaa qaamolee hawaasa garagaraa cimsurratti xiyyeeffannaan hojjataa jiraachuu kaasan.

Qorannoon hayyoota yunivarsitichaatiin geggeeffame akka ibsutti rakkooleen balaa tiraafikaa daandii Rooberraa Shaashamannee geessurratti irra deddeebiin mul'atu daran yaachisaa ta'uusaatiin walqabatee rakkoo kana furuufis carraaqqii guddaan taasifamaa akka jiru ibsan.

Daayireektarri qorannoo, tajaajila hawaasaafi ce'umsa teeknooloojii yunivarsiitichaa Dr.Muhammad Jamaal gamasaaniitiin yunivarsiitichi qorannoolee rakkoo hawaasaa bu'ureeffatanirratti xiyyeeffatee hojjachuun; balaa tiraafikaa yeroo gara yerootti dabalaa dhufe kanas qooda fudhattoota hirmaachisuun rakkinicha furuuf tattaaffii cimaan taasifamaa jiraachuu dubbatan.

Taateewwan balaa tiraafikaa dabalan hanguma heddumaataa deeman furmaanni isaas duuka bu'amee barbaadamuu akka qabu himan.

Yuunivarsitichatti qindeessaan leenjichaa Obbo Mahmud Muhmmad huseen gama isaaniin, leenjitoonni turtii isaanii keessatti qabannaa daataa fi tooftaalee raawwii nageenyummaa tiraafikaa mirkaneessuu fi tumsanirratti hubannoon gahaan kennamuufii dubbatan.

Ittigaafatamaan Abbaa Taaytaa Geejjiba Bulchiinsa Magaalaa Roobee Obbo Abdurrazaaq Shamsii balaa tiraafikaa hambisuu keessatti qaamoleen nageenyaa, tiraafikootaa fi ogeeyyiin to'annoo bobbii geejjibaa alseerummaa konkolaachiftoota irratti mul'atu kanneen akka ariitiin konkolaachisuu fi humnaa ol fe'uu irratti hordoffii cimaa taasisuu akka qaban dhaamaniiru.

Hirmaattonni leenjichaa gamasaaniitiin hubannoon leenjirraa argatan hojii isaanii cimsuu keessatti gumaacha ol'aanaa akka qabu ibsaniiru.

Balaa tiraafikaa hir'isuuf carraaqqii taasifama jiru kana tumsuu keessattis gumaacha isaanirraa eeggamu bahuuf qophii ta'uu dubbatan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015