Gaaffii ulaa glaanaa Itiyoophiyaa deebisuun walitti hidhamiinsaa dinagdee Afriikaa fi fayyadama waloo guddisuun nidanda’ama - ENA Afaan Oromoo
Gaaffii ulaa glaanaa Itiyoophiyaa deebisuun walitti hidhamiinsaa dinagdee Afriikaa fi fayyadama waloo guddisuun nidanda’ama

Ebla 28/2017(TOI)- Gaaffii ulaa glaanaa Itiyoophiyaa deebisuun walitti hidhamiinsaa dinagdee Afriikaa fi fayyadama waloo guddisuun akka danda’amuibsame.
Guddina Dinagdee si’ataa irratti kan argamtu Itiyoophiyaan guddina dinagdee fulla’aa fi fayyadama waloo riijinichatti dhugoomsuuf ulaa galaanaa harkatti galfachuuf hojii dippilomaasii nicimsiti.
Biyyoota akka Itiyoophiyaa dinagdee guddaa fi ummata hedduu qabaniif qabaniif dinagdee akka deeggaruu fi misooma waloo kan jajjabeessudha.
TOI,n dhimma kanarratti barsiisaa dinagdee Yuunivarsiitii Asoosaa Muhaammad Ibraahim, carraaqqiin Itiyoophiyaan ulaa galaanaa harkatti galfachuuf itti jirtu isheerra darbee guddina dinagdee fi ittifayyadama waloo biyyoota riijiniif hiikoo guddaa akka qabu ibsaniiru.
Kanaaf gaaffii ulaa galaanaa Itiyoophiyaaf deebii kennuun walitti hidhamiinsa dinagdee Afriikaa bahaa fi itti fayyadama waloo guddisuun nibarbaachisa jedhaniiru.
Biyyoonni qofaa guddachuu waan hindandeenyeef keessumaa biyyoota ollaa jidduutti walitti hidhata uumuun nibarbaachisa jedhaniiru.
Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaaf dhimma jiraachuu ta’uusaa fi biyyoota riijinichaaf ammoo itti fayyadama waloo fi waliin guddachuu walitti hidhata dinagdee cimsuuf gumaacha olaanaa akka qabu himaniiru.
Itiyoophiyaan karoorri Afriikaarraa dinagdee guddaa ijaaruuf qabatte milkeessuuf dhimmi ulaa galaanaa ajandaa adda duree ta’uunsaa sirrii ta’uu ibsaniiru.