Agarsiifni daldalaa fi Konfiraansiin dubartoota kalqxootaa 6ffaan Finfinneetti baname

Ebla 29/2017(TOI)-Biyyoonni Miseensa Gamtaa Daldalaa Bahaa fi kibba Afriikaa (COMESA) ta’an 21 konfiraansii daldalaa kalaqa dubartootaa 6ffaan Magaalaa finfinneetti baname.

Afa-Yaa’iin mana maree Bakka Bu’oota Uummataa Taaggasaa Caafoo, Ministirri Daldalaa fi walitti hidhamiinsa Naannoo Dr.Kaasahuun Gofee, Itti Aanaa Komishinii Gamtaa Afriikaa Ambaaasaadder Saalimaa Maliikaa fi Qondaaltommi Gamtaa Afriikaa fi Komeessa(COMESA) Agarsiisa daldalaa kana eegalchiisaniiru.

Agarsiisni Daldalaa  Hoteela Iskaay laayititti  eegalame kun guyyaa sadiif kan turu ta’uu  ibsameera.

Sagantichi  dubartoota Itiyoophiyaa dandeettii kalaqa qabaniif kaka’umsa kan uumu ta’uu fi   omisha isanii beeksisuuf kan isaan dandeessisu, akkasumas walitti hidhaminsa gabaa uumuuf kan deeggaru ta’uun ibsameera.

Sagantaan Biyyoota Miseensa Gamtaa Daldalaa Bahaa fi Kibba Afriikaa (COMESA) 21 ta’an  kan hirmaachise  konfiraansii kalaqaa haaraa fi yaada  guddaa beeksisuuf  kan gargaaru ta’uu  himamameera.  

Agarsiisni daldalaa kun dubartoonni 200 ol hojii uumtota, ta’an omisha isaanii akka  dhiheessan ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015