Waggoottan lamaan darbanitti sadarkaa biyyoolessatti lammiileen Miiliyeena 15 ol tahan waraqaa eenyummaa faayidaaf galmaa’aniiru. - ENA Afaan Oromoo
Waggoottan lamaan darbanitti sadarkaa biyyoolessatti lammiileen Miiliyeena 15 ol tahan waraqaa eenyummaa faayidaaf galmaa’aniiru.

Ebla 28/2017(TOI)-Waggoottan lamaa fi walakkaa darbanitti sadarkaa biyyoolessaatti lammiileen miiliyeena 15n ol ta’an waraqaa eenyummaa faayidaaf galma’uu Darekteerri Olaantuun waraqaa eenyummaa biyyoolessaa Yodahee Ar’ayasillaasee beeksisan.
Faayidaan Itiyoophiyaaf kan jedhuun fiigichi daandiirraa km 5 Caamsaa 3/2017 Addababayii Masqalaatti gaggeeffama.
Sagantaa fiigichichaa ilaachisuun Waajjirri sagantaa waraqaa Eenyummaa Biyyoolessa, Waajjirri Galmeessa Ragaalee Sivilii fi hawaasummaa Magaala Finfinnee, Biiroon dargaggoo fi Ispoortii Magaala Finfinnee waliin ibsa baasaniiru.
Kaayyoonsaa guddaan dorgommiin Fiigicha Dilbata dhufu gaggeefamu Ispoortii fayyadamuun barbaachisummaa faayidaa irratti hubannaa hawaasaaf kennuuf ta’uu ibsaniiru.
Daarekteerri olaanaan Ejensii Tajaajila Galmeessa Sivilii fi hawaasummaa Yoonas Alamayyoo gama isaaniin akka Jedhanitti, bara Baajatichaatti Jiraattonni Magaalichaa Miliyoona 2 tuqaa 3 ol faayidaaf galmaa’aniiru.
Itti gaafatamaan Biiroo Dargaaggoo fi Ispoortii Magaalaa Finfinnee Balay Dajanee gama isaaniin namoonni kuma 25 ol ta’an dorgommicha irratti ni hirmaatu jedhaniiru.
Ka’umsii fi gahumsi Fiigichicha Addababayii Masqalaa ta’ee Dilbata ganama sa’aatii 12 eegalee akka gaggeeffamu beeksisaniiru