Gamtaan Afriikaa fi IGAD nagaa fi tasgabbii fulla’aa Sudaan Kibbaaf deeggarsa akka taasisan ibsan - ENA Afaan Oromoo
Gamtaan Afriikaa fi IGAD nagaa fi tasgabbii fulla’aa Sudaan Kibbaaf deeggarsa akka taasisan ibsan

Ebla 28/2017(TOI)- Gamtaan Afriikaa fi IGAD carraaqqii nagaa fi tasgabbii fulla’aa Sudaan Kibbaaf taasifamaa jiruuf deeggarsa taasisan akka itti fufan breeksisan.
Qooda fudhattoonni Sudaan Kibbaa waliigaltee nageenyaa akka kabajamu kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yuusuuf IGAD waliin ta’uun Sudaan Kibbaa dhaquun Ebla 28 fi 29 bara 2017 aanga’ootaa fi qaamolee ijoo biyyattii waliin mari’ataniiru.
Qaamoleen lamaan dhimmicharratti ibsa kennaniiru.
Mariin kun hala siyaasaa fi nageenyaa Sudaan kibbaa akkasumas sadarkaa adeemsi nagaa irra jiru kan ilaallatudha.
Akkaataa waliigaltee walitti bu’iinsa dhaabsisuu fi nageenyaa A.L.A bara 2018 mallatteeffameen yeroo cehumsa keessa darbaa jirtutti kan taasifame ta’uu ibsi kun agarsiiseera.
Pirezidaantii Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir Maardiit fi aanga’oota mootummaa biroo waliin Juubaatti mari'atame’ra.
Ibsi waloo kun qabxiilee marichaa arreesseera.
Bu’aalee waliigaltee nageenyaa eegsisuu, maree biyyaalessaa hundi irratti hirmaate gochuu fi waliigalteerra gahuu akkasumas rood maappii cehumsaa yeroo daangeffame keessatti raawwatamu, amanamaa fi ifa ta’e deeggaruu kan jedhan kanneen mariin irratti taasifame keessaayyu.
Dandeettii dhaabbilee bulchiinsaa cimsuunis xiyyeeffannoo marichaa isa biraati.
Dabalataanis dura taa’aan komishinichaa deeggartoota riijinii fi idil addunyaa, hawaasa dippilomaasii Afriikaa fi biyyoota hedduu kan ofkeessatti qabate bakka bu’oota Tirooyikaa waliin adeemsa cehumsaa Sudaan Kibbaa adeemsa walfakkaataan gaggeessuun haala danda’amurratti mari’atamiiru.