Kalaqawwan Ogummaa Kolleejjii Poolii Teeknikaa irraa bahan fayyadamtoota biraan gahuuf Tattaaffiin taassifamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Kalaqawwan Ogummaa Kolleejjii Poolii Teeknikaa irraa bahan fayyadamtoota biraan gahuuf Tattaaffiin taassifamaa jira

Ebla28/2017(TOI)-Naannoo Oromiyaatti Bu’aawwan Kalaqaa kolleejjii poolii teeknikaatii bahan fayyadamtootaan gahuuf hojjechaa jiraachuu Biiroon Hojii fi Ogummaa Naannichaa ibse.
Biiroon Hojii fi Ogummaa Naanichaatti, Itti Gaafatamaan Damee Leenjii Obbo Nasraddiin Qaadii TOI’f yaada kennaniin, Kollejjichi Ekisteenshinii Industrii fi Misooma Ogummaa irratti hanqinoota jiran guutuuf leenjii gabaan barbaadu kennaa jiraachuu ibsaniiru.
Koleejichi galteewwan Insdustirii alaa galanii fi omishawwan bakka bu’an irratti xiyyeefatee,Teekinooloojii Omisha guddisu irratti omishuu fi ceesisuu hojjechaa jiraachuu ibseera.
Kanaanis maashinoota Omisha Qonnaa walitti qabuu, Nyaata Horii kan qindeessuu, cuucii lukkuu kan yaasu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru .
Naannichatti hojiin Adaamaa, Bishooftuu, Shaashamannee, fi Kolleejjiiwwan poolii teeknikii birootti hojjetamaa jiru kan jajjabeffamu tahuu ibsaniiru.
Kolleejonni bu’aawwan kalaqaa kana fayyadamtoota biraan gahuuf hojjechaa jirachuu ibsaniiru.
Baatiiwwan saglan darbanitti galii keessoo miiliyeena 900 maddisiisuu danda’uu ibsaniiru.
Kolleejjii Poolii Teeknikii Adamaatti Barataan sadrkaa 4ffaa kan tahe Musbahu Mammaa akka ibsetti omishaa fi Omishtummaa Qonnaa guddisuuf maashinii sanyii fachaasu hojjechuu dubbateera.
Maashiichi humna ibsaa malee Qotiyyoo Fayyadamuun Sanyii Sararaan Facaasuu kan dandeessisu ta’uu himeera.
Kolleejjii Poolii teeknikaa Shashamanneetti barataa Awwal Ahimad gama isaatiin, knkolaataa manaa kalaqaan hojjechuu ibsaniiru.
Konkolaataan kalaqaan hojjete boba’aa kan qusatuu fi meeshaa naannawa argameen hojjechuu ibsuun boba’aa liitirii tokkoon k.m 30 deemuu kan danda’u ta’uu ibsaniiru.
Deeggarsa Motummaa fi qooda fudhattoota irraa yoo argate omisha isaa babal’isuu fi gabaaf dhiheessuuf fedhii qabachuu ibsuun; konkolaatichi annisaa aduu fi elektiriikiin hojjechuu kan dandeessu ta’uu dubbataniiru.