Sirni Ragaa Dijiitaalaa Jijiirama Qilleensaa ittisuuf dandeessisa- De’eta Ministiraa Dr.Melese Mokonnin - ENA Afaan Oromoo
Sirni Ragaa Dijiitaalaa Jijiirama Qilleensaa ittisuuf dandeessisa- De’eta Ministiraa Dr.Melese Mokonnin

Ebla 28/2017(TOI)-Qonnaan bultootaaf odeeffannoo qilleensaa kan kennu sirna haala qilleensaa dijiitaalaa ijaaruun Jijjiirama qilleensaa ittisuuf qooda guddaa akka qabaatu De’eetn Ministira Qonnaa Dr.Mellese Mokonnin ibsan.
Tajaajila Sirna odeeffannoo hundeessuuf waltajjiin Riijinii Afrikaa Bahaa har’a Bishooftuutti gaggeffamuu eegaleera.
Waltajjichi Dhaabbanni misoomaa Mootummoota Gamtoomanii Afriika Bahaa (IGAD) fi wabii nyaataa irratti kan hojjetu walta’insa Idil Addunyaa (CGIAR) jalatti kan argaman pirojektii Qorannoo Jijiirama qilleensaa (AICCRA) waliin kan qopheessanidha.
Sirnichi odeeffannoo qindaa’aa jijiirama qilleensaa murtee damee qonnaan kennamu waliin wal-simsiisuun Qonnaan Bulaan dhiibbaa jijiirama Qilleensaa dhufu akka dandamatu gochuuf ta’uu ibsaniiru.
Sirnichi Mobaayilii fi Intarneetiin kan hojjetu yoo tahu , Qotee bulaan, yeroo omishu, gosa midhaanii, fi yeroo omisha walitti qabu, haala midhaanii odeeffannoo kan kennudha.
Dee’etaan Ministira Qonnaa Dr.Mellese Mokonnin sirni dijiitaalaa kun jijjiirama qilleensaa dandamachuu irra darbee dursee deebii kennuuf kan dandeessisu tahuu ibsaniiru.
Sirni Odeeffanichaa Fayyaa Biyyee, Jijiirama qilleensaa fi faalama kaarbooniin fi kanneen biroo irratti odeeffannoo wal jijiiruuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.
Hojmaatni Dijiitalaawaa kun wabii nyaataa fi ittifufinsa isaa ilaalchidee yaada ogummaa kan kennu kuufama ragaa ta’uu hubachiisu.
Sirna qindaa’aa fayyadamuun jijiirama qilleensaa ittisuuf waliin hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Daarekteerri Qabeenya Uumamaa fi qilleensa naannoo IGAD Daher Elmii Hussen gama isaaniin, pirojektiin Baankii Addunyaan hojjetamu waggaa torbaaf kan turu ta’uu fi sirna nyataa jabeessuuf murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaatti itti Waamamaan IGAD Abebaw Bihoneny IGAD sirna fayyaa nyaataa mirkaneessuu, qabeenya uumamaa itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf kutannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Tajaajilichi Ifoomuun ergama IGAD Milkeessuuf shoora qabaachuu ibsaniiru.
Walgahiin riijinichaa hanga Ebla 29/2017tti akka turus odeeffannoon IGAD irraa argame mul’isa.