Mul’ata nyaataan ofdanda’uu milkeessuuf biyyoonni Afriikaa kutannon hojjechuu qabu

Ebla 28/2017 (TOI)- Mul’ata nyaataan ofdanda’uu Ardichaa milkeessuuf biyyoonni Afriikaa kutannon hojjechuu akka qaban komishinariin qonnaa, misooma baadiyyaa, dinagdee Biluu fi qilleensa naannawaa fulla’aa gamtaa Afriikaa Moosis Viilakatii ibsan.

Sirni tarsiimoo fi akshin pilaaniin waggaa 10nii Afriikaa (Kaadeep) ifoomsu har’a Afriikaa Kibbaa Johanisbargitti eegalameera.

komishinariin qonnaa, misooma baadiyyaa, dinagdee Biluu fi qilleensa naannawaa fulla’aa gamtaa Afriikaa Moosis Viilakatii lafa lalisaa Afriikaarra sanyiin abdii qabu facaafameera sanyiin kun firii akka kennu hojjetamaa jira jedhaniiru.

Imala hojeeffama Kaadeep keessatti tumaa Maapuutoo irraa eegalee gara Maalaaboo, ammammoo tumaa Kaampaalaa irra gahuu himaniiru.

Tarsiimoo fi akshin pilaaniin damee qonna Afriikaa boqonnaa haaraa nibana jedhamee abdatamu A.L.A 2015 amma 2036tti akka hojeeffamu eeraniiru.

Biyyoonni Afriikaa damee qonnaan jijjiirama gaarii fidanis galma Kaadeep guutummaatti milkeessuu akka hindandeenye dubbataniiru.

Sagantichi guutummaan akka hinmilkoofne hanqinoonni bajataa, hubannoo, bu’ura misoomaa fi kanneen biroo dhiibbaa akka geessisan komishinarichi ibsaniiru.

Afriikaan lafa, bishaanii fi dandeettii teekniikaa osoo qabduu waggaatti doolaara biiliyoona 50 amma 100tti baasuun nyaata alaa akka galchitu eeraniiru.

Baasii kana hunda maaliif baafna jennee ofgaafannee oomishtuummaa guddisuuf cimnee hojjechuu qaba jedhan komishinar Viilakaatiin.

Tarsiimoon Kaadeep haaraan sirna nyaataa keessatti adeemsa oomishuun, qiqindeessuu, raabsuu fi fayyadamuun jiru hunda jijjiiruuf kan akeekkate ta’uu himaniiru.

Humna guutuun Kaadeep yoo hojeessine rakkoolee hawaasummaa, siyaasaa, dinagdeef deebii kennuun nidanda’ama jedhan komishinarichi.

Deeggartoonni mosoomaa fi qooda fudhattoonni tiraanisfoormeeshinii qonnaa Afriikaaf deeggarsa akka taasisan wamicha dhaamaniiru.

Hojii raawwachiisaan olaanaa ejensii misooma gamtaa Afriikaa(Awudii-Neeppaad) Naardoos Baqqalaa gamasaaniin, biyyoonni Afriikaa guddachuu fi jjjiiramuuf qonna jabeessuu akka qaban hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015