Piriimer Liigii Itiyoophiyaa  torban 28ffaa oolmaa  guyyaa 2ffaa  

Ebla 28/2017(TOI)-Piriimer Liigii Itiyoophiyaa  torban 28ffaa  har’a taphni  sadii  nigaggeeffama .

Tapha jalqabaatiin ganama sa’aatii 3 fi 30tti Istaadiyeemii Yuunvarsiitii Hawaasaatti Humni Ibsaa  Itiyoophiyaa fi Qiddus goorgis nitaphatu.

Humni Ibsaa Itiyoophiyaa qabxii 32n sadarkaa 12ffaa  irratti argama . Qiddus goorgis qabxii 37n sadarkaa 7ffaa irratti argama.

Guyyaa sa’aatii 9tti Baankiin Daldala Itiyoophiyaa Walwaaloo Addigiraat Yuunvarsiitii waliin taphata.

Bardheengaddaa liigicha tapha liigichaan kan injifate Baankiin Daldala Itiyoophiyaa qabxii 36n sadarkaa 8ffaa yoo qabatu,walwaaloo Addigiraat Yuunivarsiitiin qabxii 12n gadiin sadarkaa 18ffaa irratti argama.

Tapni Sihul Shireen Faasil kanamaa waliin  galgala sa’aatii 12tti gaggeeffamu sagantaa dhumaa  guyyaa sanaati.  

Sihul Shireen qabxii  19n sadarkaa 17ffaa qabatee  sadarkaa gadii irrattia argama. Fasil kanamaan qabxii 34n sadarkaa 11ffaa qabateera.  

Sadarkaa gadii irratti kan argaman  taphni sihul shiree fi Walwaaloo Addaigiraat Yuunversiitii Morkattoota isaanii waliin taassisan  xiyyeeffannoon kennameeraaf.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015