Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ministira dhimma alaa Israa’eel waliin mari’atan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ministira dhimma alaa Israa’eel waliin mari’atan

Ebla 27/2017(TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ministira dhimma alaa Israa’eel Geediyoon Sa’aar waliin mari’ataniiru.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Itiyoophiyaa daawwachaa kan jiran ministira dhimma alaa Israa’eel waliin hariiroo Itiyoo-Israa’el ilaalchisee marii bu’a qabeessa taasisuusaanii ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti dabarsaniin ibsaniiru.
Hariiroon biyyoota keenya lamaanii hariiroo seenaa bara dheerraarratti bu’uureffame har’as itti fufeera jedhaniiru.
Tumsi keenya har’as dameelee dinagdee, siyaasa, dippilomaasii fi kanneen birootiin cimee itti fufeera jechuun ibsaniiru.