Raayyaan ittisa biyyaa Itiyoophiyaa abbootii gootota harkaa fudhate birmaddummaashee eegsisuun dhaloota dhufuuf ceesisuuf dirqama biyyaa bahachaa jira-Meejer Jeneraal Indaalkaachoo Waldakidaan - ENA Afaan Oromoo
Raayyaan ittisa biyyaa Itiyoophiyaa abbootii gootota harkaa fudhate birmaddummaashee eegsisuun dhaloota dhufuuf ceesisuuf dirqama biyyaa bahachaa jira-Meejer Jeneraal Indaalkaachoo Waldakidaan

Ebla 27/2017(TOI)- Raayyaan ittisa biyyaa Itiyoophiyaa abbootii gootota harkaa fudhate birmadduushee eegsisuun dhaloota dhufuuf ceesisuuf dirqama biyyaa bahachaa akka jiru daarektarri xiin sammuu raayyaa ittisaa Meejer Jeneraal Indaalkaachoo Waldakidaan ibsan.
Guyyaan sabboontotaa 84ffaan bakka Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee argamanitti kabajameera.
Ittisa biyyaa bakka bu’uun kan dubbatan daarektarri xiin sammuu raayyaa ittisaa Meejer Jeneraal Indaalkaachoo Waldakidaansabboonummaan miira jaalala biyyaarraa kan maddudha jedhaniiru.
Guyyaan kun kanneen walabummaa fi kabaja biyyaaf aarsaa itti ta’an kan itti yaadataman ta’uu ibsanii, dhaloota har’aafis aarsaa biyyaaf kaffalame ittiin beeksisuu qabna jedhaniiru.
Sabboontonni Itiyoophiyaa aarsaa yeroo garagaraa biyyasaanii haleellaarraa qolachuuf kaffalan Afriikaarraa biyya gita hinbitamne qofeettii dhalootaaf dabarsuusaanii ibsaniiru.
Gootummaa Itiyoophiyaanotaa durirraa eegalee asgahe itti boonuu fi tiksuu qabna jedhaniiru.
Dargaggoon har’aas bakka jiru hundatti cimee hojjetee biyyasaa jijjiiruu akka qabu hubachiisaniiru,
Raayyaan ittisa biyyaas duudhaa abbootiisaa dhaalee birmadummaa biyyaa eegsisuun dhalootaaf dabarsuuf dirqama biyyaalessaa bahachaa akka jiru eeraniiru.
Hooggantuun biiroo aadaan aartii fi tuurizimii magaalaa Finfinnee Dr. Hiruut Kaasaawu, Finfinneen magaalaa seenaa Itiyoophiyaa ofkeessatti qabatte ta’uu ibsaniiru.
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee hambaalee kunuunsuu fi galtee itti dabaluun kabajasaanii guutuu waliin kunuunsaa akka jiru beeksisaniiru.
Pirezidaantiin waldaa sabboontota gootota Itiyoophiyaa Lij Daani’eel Jootee Masfin, injifannichi ayyaana injifannoo Itiyoophiyaan jabaattee ofdhabde ta’uu dubbataniiru.
Injifannichi wayita kabajamu kan darbe yaadachuun qofa osoo hinta’iin hojiilee gurguddoo kana booda jiraniif ittigaafatama dhalootaa bahuun ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.
Dargaggoonni har’aa hojii nageenyaa fi misoomaarratti tumsuu akka qaban hubachiisaniiru.