Hojii guddina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hojjetaman keessatti hundi hirmaannaa cimsuu qaba-Pirezidaat Taayyee Atsqasillaasee

Ebla 27/2017(TOI)- Hojii guddina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hojjetaman keessatti kutaan hawaasaa hundi aara galfii malee hirmaannaa cimsuu akka qabu Pirezidaatiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee ibsan.

Guyyaan sabboontotaa 84ffaan bakka Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee argamanitti kabajameera.

Pirezidaant Taayyee Atsqasillaaseen sagantaa kanarratti siidaa yaadannii injifannoo sabboontotaa jala Abaaboo kaa’aniiru.

Pirezidaantiin RDFI Taayyaa Atsqasillaasee dabalatee pirezidaantiin waldaalee gootota sabboontota Itiyoophiyaa durii Lij Daani’eel Jootee Masfin, Sabboontonni gootonni Itiyoophiyaa durii , hooggantoonnii fi miseensonni raayyaa ittisa biyyaa, ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa akkasumas keessummoonni waamaman saganticharratti argamaniiru.

Injifannichi yaadamni gita bittaa faashistummaa akka mataa ol hinqabanne kan taasisedha jedha pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee wayita kanatti.

Injifannoon kun kaleessa kan agarsiisu, har’a guddummaan kan ilaalu akkasumas cimina imala boruu ifoomsee kan agarsiisu ta’uu eeraniiru.

Jaalala biyyaa fi hinaaffaa walabummaa biyyaaf qabnu Sabboontota Itiyoophiyaa irraa kan barannu ta’uu hubachiisaniiru.

Guddummaa biyyaa fi jaalala biyyaa boonsaa kana dhalootaaf dabarsuuf jaalala cimaa jiru ta’uu eeraniiru.

Guddinnii fi imalli Itiyoophiyaa kan isaan quuqu injifachaa har’a gahuushee seenaan raga akka bahu ibsaniiru.

Sadarkaan guddinaa Itiyoophiyaan amma irra jirtu yeroon qisaastu akka hinjirre kan dubbatan Pirezidaantichi, daqiiqaa fi sa’aatiin kamiyyuu guddummaa Itiyoophiyaaf aara galfii malee hojjechuun dirqama nama hundaa akka ta’e hubachiisaniiru.

Raayyaan ittisaa fi qaamoleen nageenyaa biroon Itiyoophiyaan gara guddummaatti akka tarkaanfattu nagaanshee akka cimu cichanii tajaajila jiran galateeffamuu qabu jedhaniiru.

#Oromiyaa

#Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa

#TOI

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015