Ministirri dhimma alaa Israa’eel Giidiyoon Saar Finfinnee dhufan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri dhimma alaa Israa’eel Giidiyoon Saar Finfinnee dhufan

Ebla 27/2017(TOI)- Ministirri dhimma alaa Israa’eel Gidiyoon Saar daawwannaa hojiif har’a Finfinnee dhufaniiru.
De’etaan ministira alaa ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee buufata xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti argamuun Giidiyoon Saar simataniiru.
Daawwannaa Kanaan ministirichi hariiroo gamlamee Itiyoophiyaa fi Israa’el cimsuun haala danda’amurratti aanga’oota mootummaa Itiyoophiyaa waliin nimari’atu jedhamee akka eegamu odeeffannoon ministeera dhimma alaarraa argame nimul’isa.