Foramiin tumsa nageenya ummataa idil addunyaa kan jalqabaa taa’amaa jira - ENA Afaan Oromoo
Foramiin tumsa nageenya ummataa idil addunyaa kan jalqabaa taa’amaa jira

Ebla 27/2017(TOI)- Foramiin tumsa nageenya ummataa idil addunyaa (Liiyaanyuungang) kan jalqabaa Finfinneetti taa’amaa jira.
Komishinar Jeneraaliin poolisii federaalaa Itiyoophiyaa Dammallaash Gabramikaa’el, dura taa’aan foramii nageenya ummataa idil addunyaa (Liiyaanyuungang) Andiistaang, bakka bu’oonni komishinii poolisii biyyoota Afrikaa garagaraa, hooggantoonni komishinii poolisii federaalaa Itiyoophiyaa firamicharratti hirmaachaa jiru.
Itiyoophiyaan miseensa boordii daarektarootaa foramii tumsa nageenya ummataa idil addunyaa (Liiyaanyuungang) t’uun filatamuunshee niyaadatama.
Foramichi har’a Finfinneetti yaa’ii jalqabaa taa’aa jira.
Komishinar Jeneraaliin poolisii federaalaa Itiyoophiyaa Dammallaash Gabramikaa’el wayita kana, foramichi tumsaan nageenya waloo tiksuurratti kan xiyyeeffatedha jedhan.
Itiyoophiyaan sadarkaa Afriikaatti nageenya ummataa cimsuuf gumaacha guddaa taasisaa akka jirtu dubbataniiru.
Itiyoophiyaan tumsi kun caalaa akka jabaatu gumaacha gootu jabeessitee akka itti fuftu mirkaneessaniiru.
Dura taa’aan foramii nageenya ummataa idil addunyaa (Liiyaanyuungang) Andiistaang gamasaaniin, foramichi walitti bu’iinsaa fi sababa isaanii sadarkaa idil addunyaatti dhabamsiisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.
Carraaqquii waloo nageenya waloo eegsisuuf jiran jajjabeessuuf hojjechaa jiraachuu eeranii, namoota deddeebisuu waloomaan dhaabsisuuf hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.
Foramichi nagaa fi misooma sadarkaa idil addunyaatti mirkaneessuuf akka hojjetus eeraniiru.