Pirojektoonni Invastimantii fi haalli itti oomishan naannoo faaluu hinqaban

Ebla 27/2017(TOI)-Pirojektoonni misoomaa fi Invastimantii haala oomishaa faalama naannoo hubannoo keessa galcheen ta’uu akka qabu to’annoo fi hordoffii taasisaa akka jiran hooggantoonni damee kanaa naannoo Amaaraa fi bulchhiinsa Dirree Dawaa TOI’n haasofsiise dubbatan.

Abbaa taayitaa naannawaa fi eegumsa bosonaatti daarektarrai jijjiirama naannawaa fi jijjiirama haala qilleensa obbo Awwaqee Yittaay  akka jedhanitti, faalamni geejjibni, hafteen industirii, sagalee fi kanneen biroo faalama naannawaaf sababa ta’uu dubbataniiru.

Industiriiwwan hedduun naannicha keessatti akka argaman eeranii, Pirojektoonni Invastimantii fi misoomaa faalama naannoo hubannoo keessa galchuun oomishuu akka qaban to’annoo fi hordoffiin akka taasifamu himaniiru.

Haala walfakkaatuun daarektarri abbaa taayitaa naannawaa, bosonaa fi eegumsa bineensa bosonaa naannawa bulchiinsa Dirree DawaaObbo Darajjee Abbittii, naannichatti faalama naannawaa, sagalee fi bishaaniif xiyyeeffannoon taasifamuu ibsaniiru.

Industiriiwwan dabalatee pirojektoonni misoomaa fi dhaabbileen tajaajila kennan akkaataa seeraa fi danbiin akka hojjetan to’annaan taasifamaa akka jiru eeraniiru.

Mariin dhiibbaa jijjiiramni haala qilleensaa geessisu bifa walsimee fi qindoominaan damdamachuun akka danda’amu tibbana mariin magaalaa Adaamaatti taa’amuun niyadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015