Dorgommiin Ispoortii taphoota guutuu Ormiyaa jalqabame

Ebla 26/2017(TOI)- Dorgommiin Ispoortii taphoota guutuu Ormiyaa 27ffaan magaalaa Ambootti jalqabameera.

 De’etaan ministira aadaa fi Ispoortii Makkiyyuu Mohaammad, sadarkaa itti aanaa pirezidaantiitti qindeessaan kilaastara hawaasummaa naannoo Oromiyaa obbo Saadaat Nashaa, pirezidaantiin federeeshinii kubbaa miilaa Itiyoophiyaa obbo Isaayyaas Jiraa, gargaartuun komishinaraa Atileet Daraartuu Tulluu fi hooggantoonni federaalaa fi naannoo biroon sirna baniinsaarratti argamaniiru.

 De’etan ministiraa obbo Makkiyyuu Mohammad akka ibsanitti,  ispoortiin walooma cimsuurra darbee fayyaa qaamaa fi sammuuf  baay’ee barbaachisaadha.

Sdarkaa itti aanaa pirezidaantiitti qindeessaan kilaastara hawaasummaa naannoo Oromiyaa obbo Saadaat Nashaa, mootummaan naannichaa sosochii Ispoortii cimsuun lammii bu’a qabeessa horachuuf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jira jechuun ibsaniiru.

Biiroo dargaggootaa fi Ispoortii naannoo Oromiyaatti hoogganaan dame Ispoortiiobbo Dassaaleny Xilahun, dorgommiin taphoota Ispoortii guutuu Oromiyaa faayidaa garagaraa akka qabu dubbataniiru.

Jiraataan magaalichaa hirmaattota dorgommichaa simatee keessummeessaa akka jiru kan ibsan ammo kantiibaa magaalaa Amboo obbo Haacaaluu Gammachuuti.

Dorgommii har’a jalqabamerratti Ispoortessitoonni kuma 8 fi 500 akaakuu Ispoortii ammayyaa 24’n akka hirmaatam ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015