Maaraatoonii Piraag Cheekitti dorgomameen atileetonni Itiyoophiyaa saala lamaanuu mo’atan

Ena 26/2017 (TOI)- Maaraatoonii Piraag Cheekitti dorgomameen atileetonni Itiyoophiyaa saala lamaanuu mo’ataniiru.

Dorgommii ramaddii dhiiraan dorgomameen Atileet Lammii Birhaanuu sa’aatii 2 daqiiqaa 5 sakondii 14’n xumuruun mo’ateera.

Dorgommii maaraatoonii Piraag walfakkaataa bardheengaddaa dorgomameen Atileet Lammiin mo’achuunsaa niyaadatama..

Atileet Lammiin dorgommii bardheengaddaatiin sa’aatii 2 fi daqiiqaa 8 fi sakondii 5niin xumuree ture barana fooyyessus sa’aatii bakka kanaa fooyyessuuf carraaqiin taasise hinmilkoofne.

Ramaddii dubartootaan atileet Burtukaan Waldee sa’aatii 2 daqiiqaa 20 sakondii 55n xumuruun mo’atteetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015