Tajaajila haqaa babal’isuuf xiyyeeffannoon waan hojjetameef bu’aan argameera-Ministir Haannaa Ar’ayasillaasee - ENA Afaan Oromoo
Tajaajila haqaa babal’isuuf xiyyeeffannoon waan hojjetameef bu’aan argameera-Ministir Haannaa Ar’ayasillaasee

Ebla 25/2017(TOI)- Tajaajila haqaa babal’isuuf xiyyeeffannoon waan hojjetameef bu’aan argamuusaa Ministirri haqaa Haannaa Ar’ayasillaasee ibsan.
Manneen murtii federaalaa fi naannoo fi dhaabbileen haqaa hojeeffama tiraanisfoormeeshinii irratti mariin taasifamaa jira.
Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasee Caafoo, Itti aantuun af-yaa’ii Loomii Badhoo, Pirezidaantiin mana murtii waliigalaa federaalaa Tewoodiroos Mihirat, ministirri haqaa Haannaa Ar’ayasillaasee,af-yaa’onni naannolee pirezidaantota mana murtii dabalatee hooggantoonni mootummaa waltajjii kanarratti argamaniiru.
Raawwiin rood maappii jijjiiramaa manneen murtii federaalaa fi hojeeffamni tiraanisfoormeeshinii dhaabbilee haqaa baatii sagalii waltajjicharratti dhihaateera.
Ministirri haqaa hojeeffama tiraanisfoormeeshinii dhaabbilee haqaa wayita dhiheessan karoorri waggaa sadii tiraanisfoormeeshinii damee haqaa bahee hojiitti seenameera jedhan.
Haala Kanaan tajaajila haqa babal’isuuf xiyyeeffatamee hojjetamuusaatiin hojiin bu’a qabeessi hojjetamuu dubbataniiru.
Manneen murtii aadaaf beekamtiin kennamuusaa ibsanii, naannolee Amaaraa, Beeniishaangul Gumuz, Sidaamaa fi ummattoota Itiyoophiyaa kibba lixaaf labsiin manneen murtii aadaa ragga’uusaa beeksisaniiru.
Pirezidaantiin mana murtii waliigalaa federaalaa Tewoodiroos Mihirat raawwii rood maappii jijjiiramaa manneen murtii federaalaa dhiheessaniiru.