Dargaggoonni Iluu Abbaa Booraa sagantaa ashaaraa magariisaaf biqiltuu qopheessaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Dargaggoonni Iluu Abbaa Booraa sagantaa ashaaraa magariisaaf biqiltuu qopheessaa jiru

Ebla 24/2017 (TOI)- Dargaggoonni Iluu Abbaa Booraa waldaan gurmaa’anii sagantaa ashaaraa magariisaaf biqiltuu qopheessaa akka jiran ibsan.
Sagantaa ashaaraa magariisaaf biqiltuuwwan garagaraa qophheeffamaa akka jiran waajjirri qonnaa godinichaa ibseera.
Dargaggoonni aanaa Yaayyoo TOIn haasofsiise waldaan gurmaa’anii biqiltuu qophheessuun faayidaa argachuuf hojjechaa akka jiran ibsaniiru.
Carraan kun kan uumameef keessaa jiraataan aanaa Yayyoo dargaggoo Yohaannis Warquu keessumaa biqiltuu muduraa baay’inaan qopheessaa akka jiru ibseera.
Biqiltuu amma ammaatti qopheessanirraa birrii kuma 400 akka abdatan eereera.
Dargaggoo Fadluu Shaafii gamasaatiin hiriyyootasaa waliin ta’uun sagantaa ashaaraa magariisaaf biqiltuu qopheessaa akka jiru dubbatee, kanarraas birrii kuma 800 argachuuf karoorfateera.
Dargaggoonni galii argataniin ala hojicharraa muuxannoo argachaa akka jiran dubbatee fuulduras caalaatti fayyadamuuf hojjechaa akka jiran eereera.
Itti aanaan hoogganaa waajjira qonnaa godinichaa obbo Malkaamuu Caalii, biqiltuun mukaa, nyaata loonii, akkasumas muduraawwan nyaataaf oolanii fi kanneen biroo akka ta’an dubbataniiru.
Keessumaa biqiltuuwwan kuduraa nyaataa fi faayidaa dinagdeef oolan qopheeffamaa akka jiran himaniieu.
Erga sagantaan ashaaraa magariisaa eegalamee asitti namoota godinichaa hedduuf carraan hojii waan uumameef namoonni hojii kana hojjetan faayyadamoo dinagdee ta’uusaanii dubbataniiru.
Biqiltuu ashaaraa magariisaa waggoottan darban dhaabamaniin bosonna naannichaa dhibbantaa 71tti guddisuun akka danda’ame himaniiru.