Sagantaan Ashaaraa magariisaa faayidaa gurgurtaa Kaarbooniirraa argamu guddisuuf qooda olaanaa qaba-hayyoota - ENA Afaan Oromoo
Sagantaan Ashaaraa magariisaa faayidaa gurgurtaa Kaarbooniirraa argamu guddisuuf qooda olaanaa qaba-hayyoota

Ebla 24/2017(TOI)-Sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaan raawwachaa jirtu faayidaan gurgurtaa Kaarbooniirraa argamu akka dabalu gumaacha guddaa kan qabu ta’uu hayyoonni damee kanarratti hojjetan ibsan.
Dhiibbaa jijjiiramni haala qilleensaa geessisu qolachuuf biyyoonni addattis ta’e waloomaan tarkaanfiiwwan garagaraa nifudhatu.
Jijjiirama haala qilleensaaf sababadha jedhamuun kan eeraman biyyoota guddatan ta’us rakkoof kan saaxilaman garuu biyyoota guddachaa jiran ta’uu hayyoonni damee kanaa nidubbatu.
Addunyaan hoo’ina olaanaa, lolaa fi ongeen qoramaa yoo jiraattu, bosonni manca’uun, lafti qullaatti hafuun, gaaziin Industiriiwwan keessaa bahan kanaaf ka’umsa ta’uu ni’ibsu.
Sagantaan ashaaraa magariisaa dhiibbaa kana qolachuuf Itiyoophiyaan itti jirtu bosona dabaluu fi naannawa eeguuf qooda guddaa bahaa akka jiru hayyoonni TOI waliin gaaffii fi deebii taasisan ni’ibsu.
Qindeessaan sagantaa ashaaraa magariisaa biyyaalessaa Dr.Adafris Warquu sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaan itti jirtu bosona haphatee ture akka fooyya’u gumaachuusaa ibsaniiru.
Uwwisi bosonaa yeroo ammaa dhibbantaa 23 ol qaqqabuusaa qorannoon bara darbe taasifame ifoomsuusaa eeraniiru.
Kuusaan Kaarboonii guddaan Itiyoophiyaa keessa akka jiru fi kana keessaa irra caalaan bosona keessatti kan argamu ta’uu kaasaniiru.
Sagantaan ashaaraa magariisaa bosona dabaluun alatti galii gurgurtaarraa Itiyoophiyaan argattu akka dabalu qooda olaanaa akka bahu dubbataniiru.
Itiyoophiyaan kuusaa kaarboonii guddaa akka qabdu ibsaniiru.
Yuunivarsiitii Finfinneetti hoogganaan kutaa barnoota saayinsii uumamaa fi barsiisaa fi qorataan ikoo siistamaa Dr. Biqilaa Warqinaa gamasaaniin, Itiyoophiyaan dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa hinmalle qolachuuf hojiilee eegumsa qabeenya uumamaa hojjechaa jirti jedhan.
Bosona guddisuun faayidaa gurgurtaa kaarbooniirraa argamu guddisuuf nigargaara jedhaniiru.
Faayidaa bosona dabaluun Itiyoophiyaan argatte keessaa gurgurtaa faayinaansii kaarboonii raawwachuushee fi kun wayita hojiirra oolu ikoo siistama caalaatti eegsisuuf jireenya qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa jijjiiruuf nidandeessisa jedhaniiru.
Waliigaltee gama Kanaan Itiyoophiyaan baankii addunyaa fi Noorweey waliin mallatteessite Waabeffataniiru.
Dabalataanis Itiyoophiyaan deeggarsa maallaqaa pirojektoota eegumsa qabeenya uumamaa hojiirra oolchaa jirtuuf oolu argachaa akka jirtu ibsaniiru.
Ashaaraa magariisaa dabalatee hojiileen Itiyoophiyaan eegumsa naannoo fulla’aa irratti hojjechaa jirtu sirriitti akka beekaman dippilomaasii jijjiirama haala qilleensaa cimsuun nibarbaachisa jedhaniiru.