Ebla 23/2017(TOI )-Rakkoon Nageenyaa waggoottan darban turan maqfamanii nagaan bu’uusaatiin fayyadamummaa hunda galeessa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu jiraattonni Boorana Bahaa dubbatan.
Naannoo Oromiyaatti bakkeewwan sababa rakkoo Nageenyaan miidhaan namaa fi qabeenya irra qaqabaa ture keessaa godinni Boorana bahaa tokko ta’uu mootummaan naanichaa yeroo addaddaa kaasaa turuun ni yadatama.
Jiraattonni TOI’n dubbise akka jedhanitti, waggoottan darban naannoosaaniitti, rakkoo nageenyaa ture maqsuuf, tarkaanfii Mootummaan Seera kabachiisuuf fudhateen yeroo ammaa kana nageenyi amansiisaan waan bu’eef kallattii hundaan milkaa’uuf hojjechaa jiru.
Jiraattota Godinichaa keessaa Abbaa Gadaa Gannaalee Aagaa akka yaada kennaniin, rakkoo nageenyaa tureen miidhaan qabeenyaa fi lubbuu namaarra gahuu ibsaniiru.
Godinichatti sochiin konkolaataa daanga’ee, barnoonni addaan citee, bu’uuraaleen misooma miidhamuun, haadholii fi daa’imman irra miidhaan gahuu ibsaniiru.
Rakkoo kana furuuf abbootii amantaa fi Jaarsolii biyyaa waliin marii’achuun qaamoleen hidhataanii socho’an karaa nagaa akka deebaniif hojjechaa turuu ibsuun, kunis Ija godhatee qonnaan bulaa hojiisaa, barataan barnoota isaa sodaa malee hordofaa jiru.
Waldhabdee furuuf mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuu cinatti, garaa bal’inaan filannoowwan nageenyaa jiran akka itti fufu gaafataniiru.
Itti Aanaan Itti Gaafatamaa Mana Barumsaa Nagallee Boorana Abinnat Shawaangizaw, sodaan nageenyaa ture hojii barnootaa irratti rakkoo uumee darbuu ibsaniru.
Nageenya waaraan akka dhufuuf barsiisonni barattootaaf, barnoota Xiinsammuu fi naamusaa kennaa jiru jedhaniiru.
Yeroo amma kana baruu fi barsiisuun soda malee raawwatamaa jiraachuu ibsaniiru.