Eksipoon sosochii Itiyoophiyaan haa’oomishtu jedhuun qophaa’e Sanbata dhufu banama

Ebla 22/2017(TOI) Eksipoon sosochii Itiyoophiyaan haa’oomishtuu kan bara 2017 Sanbata dhufu Finfinneetti akka banamu ministeerri Industirii beeksise.

Ministirri Industirii Malaakuu Allebal Eksipoo kana ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

 Sosochii Kanaan Industiroonni rakkooleensaanii irraa jalaan akka furamanii fi dandeettiin oomishuu akka guddatu taasisuu kaasaniiru.

 Sosochiin kun oomisha biyya keessaatti fayyadamuurratti jijjiirama fiduu ibsaniiru.

Eksipoon Itiyoophiyaan haa’oomishtuu 3ffaan Sanbata dhufu Ebla 25 bara 2017 ifatti akka jalqabamu ibsanii, oomishoota Itiyoophiyaa beekisuu fi carraalee gabaa dabalataa bal’isuun kaayyoo Eksipoo kanaati jedhan.

Walitti hidhiinsa gabaa uumuu fi qulqullina oomishaa fooyyessuufis shoora olaanaa qaba jedhan.

Kalaqa jajjabeessuunis kaayyoo eksipoo kanaa ta’uu eeranii cehhumsa teeknooloojii fi muuxannoo qooddachuunis gamla eksipoo kanaa ta’uu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015