Yuunvrsiitichatti pirojektiin humna ibsaa baayoo gaazii kiiloo waattii 20 maddisiisuu danda’u eebbifamee tajaajilaaf banaa ta’e - ENA Afaan Oromoo
Yuunvrsiitichatti pirojektiin humna ibsaa baayoo gaazii kiiloo waattii 20 maddisiisuu danda’u eebbifamee tajaajilaaf banaa ta’e

Ebla 22/2017(TOI- Pirojektiin baayoo gaazii kan Ministeerri Bishaanii fi Albuudaa Yuunvarsiitii Walaayittaa Sooddootti ijaarsisee fi humna ibsaa kiiloo wattii 20 maddisiisuu eebbifamee tajaajilaaf banaa ta’eera.
Pirojektiin baayoo gaazii walnyaachisu kun humna annisaa meetir kuubii 300 walnyaachisuu akka danda’u ibsameera.
Pirojektichi Yuunvarsiitichi ammaan dura nyaata qopheessuuf qoraanii fi elektiriikiin fayyadamaa ture, guutummaatti baayoo gaaziin raawwachuu kan dandeessise ta’uun ibsaniiru.
Baayoo gaziichi erga hundeeffamee booda bu’aawwan omishasaa xaa’oo biyyee omishuu akka dandeessisu eerameera.
Saganticha irratti, Ministeera Bishanii fi Albuudaatti De’eetaan ministiraa damee Inarjii Dr. injiinar Sulxaan walii, itti gaafatamaan biiroo bishaan, Albuudaa fi Inarjii naannoo kibbaa Injiinar Akliiluu Adany fi hoggantoonni naannicha, bakka bu’oonni dhaabbilee deeggartootaa fi qooda fudhattoonni argamaniiru.