Hojiin Misooma Koriidaraa haala dandeettii Dorgommii Idil Addunyaa Magaalittii guddisuu danda’uun cimee itti fufa-kantiibaa Adaanech Abeebee

Ebla 22/2017(TOI)-Hojiin Misooma Koriidaraa lammiisheef Magaala Ammayyoomtee fi sadarkaa Idila Addunyaatti dorgomtu gochuuf haala dandeessisuun jabaatee akka itti fufu  Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee Ibsan.

Manni maree magaalaa Finfinnee walga’ii Idilee 3ffaa bara hojii waggaa 4ffaa  gaggeesseera.

  Miseensonni Mana marichaa gaaffiiwwan adda addaa kan kaasan yoo ta’u, kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee deebii fi ibsa kennaniiru.

Kantiibaa Adaanech Hojii Misooma Koriidaraa ilaalchisee  ibsa kennaniin, Motummaan magaalittii akka maqaasheeMiidhagduu fi qulqulluu gochuuf hojiiwwan qabatamaa  hojjetamaa jiran kaasaniiru.

 Magaalittiin sadarkaa Idil Addunyaatti dorgomtuu akka taatuu fi Jiraatttotaaf mijattuu gochuuf haala  waadaa galleen hojjechaa jirra jechuun ibsaniiru.

Magaalaan tokko dorgomtuu ta’uuf ulaagaawwan guuttachuu qabdu kaasaniiru.

Kanneen keessaa gaaffiin bu’uuraaleen misomaa tokko ta’uu  kaasuun, sirni balfa dhangal’aa Itti dhabamsiisan, bu’uuraalee Misoomaa daandii, tajaajila geejibaa fi misooma magariisaa  ta’uu  ibsaniiru. 

Haala Kanaan Magaalaan Finfinnee hanqina qabdu

hojii misooma koriidaraa eegalame  bu’aa gudda buusuu hubachiisaniiru.

Hawaasichi naannoo  qulqulluu, miidhagduu, fayyaaf mijattuu  fi ijoollee guddisuuf haalli mijataan uumamuu dubbataniiru.

Dabalataanis, Misooma Magariisaa Magaalichaa sadarkaa olaanaan guddisuu danda’uu  ibsaniru.

 Hojiin misooma koriidaraa  uwwisa daandii Magaalichaa gara sadarkaa olaanaatti guddisuuf   qooda mataasaa bahuu  ibsuun, lammiiileef carraa hojii guddaa uumuu dubbataniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015