Bulchiinsi magaalaa Finfinnee tajaajila Inshuraansii fayyaaf deeggarsa olaanaa taasisaa jira - ENA Afaan Oromoo
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee tajaajila Inshuraansii fayyaaf deeggarsa olaanaa taasisaa jira

Ebla 22/2017(TOI)-Bara bajataa kana tajaajila Inshuraansii fayyaaf deeggarsi birrii biiliyoona 1 ta’u taasifamuu kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan.
Manni maree bulchiinsa magaalaa Finfinnee walgahii idilee 3ffaa bara honii waggaa 4ffaa taa’eera.
Kantiibaa Adaanech Abeebee fi hooggantoonni bulchiinsa magaalichaa gaaffilee miseensota mana mareerraa gaafatamaniif deebii kennaniiru.
Tajaajila Inshuraansii fayyaa ilaalchisuun ibsa kennaniin, tajaajilli kun namoota hedduu kan bayyanachiise ta’us rakkoolee gama Kanaan jiru furuun akka barbaachisu kaasaniiru.
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee bara bajataa kana tajaajila Inshuraansii fayyaaf birrii biiliyoona 1 deeggarsa gochuu kantiibaa Adaanech dubbataniiru.
Fuulduras hudhaalee tajaajila Inshuraansii fayyaan walqabatanii jiran adda baasuun furuun akka barbaachisu ibsaniiru.