Manni Maree Magaalaa Finfinnee Muudama Adda Addaa Raggaaseera - ENA Afaan Oromoo
Manni Maree Magaalaa Finfinnee Muudama Adda Addaa Raggaaseera

Ebla 22/2017(TOI )-Manni Maree Magaalaa Finfinnee walga’ii Ideleesaa har’a gaggeesseen Muudama adda addaa Raggaaseera.
Manni marichaa walga’ii idilee 3ffaa bara hojii waggaa 4ffaa taa’eera.
Manni marichaa walga’ii Idileesaa gaggeesseen Muudama hoggantoota Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeen dhiheessan mirkaneesseera.
Haaluma Kanaan-
1.Aadde Qonjiit Dabalaa Olaa -Itti gaafatamtuu Biiroo dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi dhimma Hawaasummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee,
2/ Obbo Awwalee Mahammed Umar -Itti Gaafatamaa Biiroo Innooveeshinii fi Teekinolojii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee,
3/ Aadde Aayishaa Mahaammed Adam - Komishinara Komishinii Invastimantii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee,
4/ Injiinar Hiiywet Saamu’eel Tseggaayee - Daarektara olaanaa Abbaa Taayitaa ijaarsaa fi to’annoo Bulchiinsa Magaala Finfinnee ta’uun muudamaniiru.