Biyyoonni Addunya hemisfara kibbaa tumsa waloo nagaa fi Badhaadhina addunyaa irratti  tumsaan hojjechuu qabu-Ministir Dr. Geediyoon Ximootewoos

Ebla 22/2017(TOI )- Biyyoonni Addunya hemisfara kibbaa tumsa waloo nagaa fi Badhaadhina addunyaa irratti  tumsaan hojjechuu akka qaban ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootewoos ibsan.

Walgahiin jalqabaa Ministiroota dhimma alaa BRICS Biraazil Riyoo De Jeneerootti, gaggeeffamaa ture golabameera.

Mariin mata duree “qooda addunyaan hemisfara kibbaa tumsa biyyoota hedduu cimsuuf qabu” jedhuun walgahicharratti mariin taasifameera.

Ministirri dhimma Alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos akka jedhanitti, biyyoonni  Addunyaa gara kibbaa Al-loogummaa bu’ureffachuun Chaarteriin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii  bu’aa qabeessa karaa ta’een akka hojiirra oolu, hojjechuun  gita bittaarratti qabsaa’uun fi  walitti bu’insi karaa nagaa furamu qooda guddaa baheera.

Hariirioon deeggarsaa fi Jaalalaa biyyoota gidduutti akka jiraatu, Mirgi Misoomuu akka kabajamu, nagaa fi tasgabbiin Addunyaaf shoora bahan kaasaniiru.

Kufaatii Siyaasaa Sirna Bulchiinsa Addunyaa qoraa jiru ilaalchisuun yaada kennaniin,   Addunyaan hemisfara kibbaa tumsa isaa caalmaatti jabeessuun nagaa fi badhaadhina Addunyaaf caalaatti hojjechuu qaba jedhaniiru.

 

Biyyoonni Addunyaa Kibbaa Qonnaan, Misooma Anniisaan, Teekinooloojiin, Informeeshin Koominikeeshinii, Raayya ittisaan, daldalaa fi  kanneen biroon, galma waloo  biyyoota addunyaa hemisfara  kibbaa  dhugoomsuuf, hojjechuu akka qaban  ibsaniiru.

Ministirichi waltajicha cinatti Ministia Dhimma Alaa Chaayinaa Wangi yu waliin mari’ataniiru.

Mariisaaniin tumsa waloo  biyyoota lameenii Dinagdeen fi Daldalaan caalmaatti  jabeessuu akka qaban kaasaniiru.

Dabalataanis Dr.Geediyoon Ximootiwoos,  Imireetota  Araba gamtoomaniitti, Minstira Tumsa  Idila Addunyaa  Reem Al hashiiim fi  Minstira Dhimma Alaa Taayiwaan  Mariis Saangiyaabong waliin  mari’ataniiru. 

Mariisaaniin Inisheetiivota dhimmoota waloo ta’an irratti tumsa gam-lamee babal’isuu fi  jabeessuun hojiirra oolchuun haala danda’amu irratti  marii’ataniiru. 

Minsistirichi Ministira dhimma Alaa Biraazil Maawuroo Viyeeraa fi ministira dhimma alaa Rusiya Sargee Laavroov waliin marii’achuun isaanii ni beekama.

.

Walga’ii biyyoota Biriiksi kan deeggaran Mistironni Dhimma Alaa biyyoota, Beelaruus, Voliviya, Kuubaa, Kaazaakistan, Maleezyiyaa, Naayjeeriyaa,Taayilaand,fi Uzbeekistaan, fi Yugaandaa  hirmaachuu  odeeffannoon Ministeera Dhimma Alaa irraa argame Mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015