Bulchiinsi magaalaa Finfinnee bajata dabalataa birrii biiliyoona 11 tuqaa 5raggaase - ENA Afaan Oromoo
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee bajata dabalataa birrii biiliyoona 11 tuqaa 5raggaase

Ebla 22/2017(TOI)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee bajata dabalataa bara bajataa 2017f oolu birrii biiliyoona 11 tuqaa 5raggaaseera.
Manni marichaa yaa’ii idilee 3ffaa bara hojii waggaa 4ffaa har’a taa’een bajaticha raggaase.
Bajanni dabalataa misooma magaalattiitti jalqabaman itti fufsiisuuf kan ooludha.
Gama biraan rakkoolee bulchiinsa gaarii darbee darbee magaalattiitti mul’atu furuuf hojjetamu ciminaan akka itti fufu kantiibaa Adaanech Abeebee ibsaniiru.
Hawaasni tajaajila si’ataa fi hojmaata badaarraa qulqullaa’e taasisuuf to’annoon taasifamu cimee itti fufa jedhaniiru.