Bulchiinsi magaalaa Finfinnee galii harka 70 ol hojii misooma egereef oolcheera

Ebla 22/2017(TOI)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee galii harka 70 ol hojii misooma egereef oolchaa akka jiru Kantiibaa Adaaneh Abeebee ibsan.

Manni maree magaala Finfinnee yaa’ii idilee 3ffaa bara hojii waggaa 4ffaa adeemsisaa kan jiru yoo ta’u miseensonni mana maree gaaffilee garagaraa gaafataniiru.

Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanecha Abeebee gaaffilee gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaniiru.

Deebii kennaniin bulchiinsi magaalaa Finfinnee galii harka 70 ol misooma egereef oolchuuf xiyyeeffannoon taasifameera jedhan.

Kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuu fi hojii to’annoo fi ittigaafatamummaa cimsuun itti fayyadama bajataa sirrii fi amanamaa gochuufis akkasuma.

Dabalataanis galii walitti qabuu, qabeenya galmeessuu fi wantoota Kanaan walqabatan dijitaalaan raawwachuun bu’aan gaariin argamuu ibsaniiru.

Kun ammoo hojiilee bu’ura misoomaa magaalaa qisaasa malee raawwachuuf haala mijataa uumuu ibsanii, hojiiwwan bara bajataa kanaaf karoorfaman duraa duubaan raawwachuun cimee itti fufa jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015