Itiyoophiyaan dirree Innoveeshinii fi kalaqaa dargaggoota hojii uumanii fi sadarkaa idil addunyaatti dorgoman horachuuf dandeessisu ijaaraa jirti-Ministir Mufariyaat Kaamil

Ebla 22/2017(TOI)- Itiyoophiyaan dirree Innoveeshinii fi kalaqaa dargaggoota hojii uumanii fi sadarkaa idil addunyaatti dorgoman horachuuf dandeessisu ijaaraa akka jirtu ministirri hojii fi ogummaa Mufariyaat Kaamil ibsan.

Walgahiin ministiroota Barnoota, ‘ICT’ fi ogummaa Afriikaa “Innoveeshin AAfriikaa 2025 mata duree Jaarraa 21ffaa keessa Afriikaa barsiisuu fi ga’oomsuu” jedhuun taa’amaa jira.

Yaa’iin Ardii Ministiroonni barnootaa, Innoveeshinii fi Teeknooloojii fi hojii fi ogummaa  Afriikaa Bireeyin waliin ta’uun qopheessan har’a xumurama.

Yaa’iin Innoveeshin Afriikaa 2025 Afriikaa barnoota, Innoveeshinii fi teeknooloojii akkasumas ogummaa fi kalaqaan walitti fiduuf kan kaayyeffatedha.

Ministirri hojii fi ogummaa Mufariyaat Kaamil marii paanaalii mata duree “misooma ogummaa fi dorgommii haaraa kalaqxoota Afriikaa fi hojii uumtotaaf” jedhuun adeemsifamurratti dubbii dubbataniiru.

Haasawa ka’umsaa kanaanis, yaa’iin Innoveeshin Afriikaa 2025 Industiriiwwan, waldaalee siviilii, dhaabbilee barnootaa jidduutti tumsa uumuun ogummaa guddisuu fi imaammata bahuuf galtee fudhachuuf akka gargaaru dubbataniiru.

Dargaggoota Afriikaa hojii uumuun, Innoveeshinii fi guddina ogummaan qooda olaanaa akka qabaatan  gochuun hojii yeroon gaafatu ta’uu ibsaniiru.

Dinagdee cimaa fi hammataa Afriikaa keessatti guddisuuf demeelee qonnaa, albuudaa, turizimii, ‘ICI’ irratti ogummaa itti horuun fi ga’oomsuun nibarbaachisa jedhaniiru.

Afriikaa badhaate uumuuf tumsuu fi hirmaannaa fi fayyadama dinagdee dargaggootaa guddisuun akka barbaachisu dubbataniiru.

Itiyoophiyaan dinagdee mandhalee fi riifoormii dinagdee gooroo guutuu taasisuun badhaadhina mirkaneessuuf hojjechaa akka jirtu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015