Hirmaattota Konfiraansii Tuurizimiitiif tajaajila barbaachisaa dhiheessuutf xiyyeeffannoon kennameera - ENA Afaan Oromoo
Hirmaattota Konfiraansii Tuurizimiitiif tajaajila barbaachisaa dhiheessuutf xiyyeeffannoon kennameera

Ebla 22/2017(TOI)-Hirmaattonni Konfiraansii Turizimii tajaajila si’ataa akka argataniif dhaabilee tajaajila kennan wajjin hojiin qindaa’aan hojjetamu cimee akka ittifufu Biiroon Aadaa, Aartii fi Turiizimii Magaalaa Finfinnee ibse.
Ministeerri Turizimii konfiransii Turizimiif xiyyeeeffannoo guddaa kennee hojjechaa jiraachuu ibseera.
Bara baajataa 2017 baatiiwwan saglan darbanitti qofa Itiyoophiyaatti Waltajjiiwwan Addunyaa, Ardii fi riijinii 60 caalan gaggeefamaniiru.
Misooma Koriidaraa Magaalaa Finfinnee dabalatee bu’uuraaleen misoomaa biroon fi bakkeewwan hawwata Tuuristii Magaalittii konfiransii Turizimiif filatamtuu gochaa jira.
Itti Aanaan Biiroon Aadaa, Aartii fi Turiizimii Magaalaa Finfinnee Hundee kabbadaa TOI tti akka himanitti, yeroo dhihootii asitti bu’uuraaleen misoomaa hojjetaman konfiraansii Turiizimiif haala mijataa uumuu ibsaniiru.
Kanaan walqabatee Magaalaan Finfinnee Konfiraansii Turiizimiitiif filatamtuu ta’aa dhufuushee fi taateewwan Idil Addunyaa fi ardii keessummeessuu ishee dubbataniiru.
Konfaraansiiwwan fuulduratti gaggeeffaman keessummoonni tajaajila barbaachisaa akka argataniif, Biirichi deeggarsaa fi hubannaa uumaa jiraachuu ibsaniiru.
Akka obbo Hundeen ibsanitti, Biiroon Aadaa, Aartii fi Turiizimii Magaalaa Finfinnee hojii Ijaarsa dandeettii hojjechaa jiraachuu ibsuun, Yeroo ammaa kutaa Magaalaa hunda keessa dhaabbiileen tajaajila kennan hojjettoota isaanii leenjisaa jirachuu dubbataniiru.
Fuuldurattis Turistoota dhufaniif tajaajila Sirrii kennuuf sektarichi jabaachuu qaba jedhaniru.
Hirmaattonni konfaraansii Turiizimii fi Ambaasaaddaroonni Biyyoota adda addaa magaalittii akka daawwatan godhamuu fi maqaa garii biyyaa akka beksisan taassifamaa turuu ibsuun kunis jabaatee itti fufa jedhaniiru.
Koreen hojii raawwachiistuu waldaa hoojettoota Hoteelaa fi Tuurizimii Wandimmiyyee Awaash gama isaaniin akka jedhanitti, Konfiraansiin Turiizimii, Hoteelaa fi Turiizimiitiif galii fi faayidaawwan biroo fidee dhufeera jedhaniru.
Ammaan dura irra caalaa walgahii Gamtaa Afriika qofa irratti hundaa’ee kan ture konfiraansiinTuriizimii, yeroo ammaa baay’achaa dhufuu ibsaniiru.
Kunis galii dabalataa kan argamsiisuu fi fayyadamummaa dinagdee biyyittii kan guddisu ta’uu himaniiru.