Xumura walakkaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatiin Baarsaloonaa fi Intar Miilaan walmorkatu

Ebla 22/2017(TOI)- Sagantaa Xumura walakkaa lammaffaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatiin Baarsaloonaa fi Intar Miilaan har’a walmorkatu.

Kilaboonni lamaan halkan sa’aatii 4tti Istaadiyeemii Kaampinuutti walmorkatu..

Xumura nuusaatiin Baarsaloonaan Boruusiyaa Dortimond, Intar Miilaan Baayer Muunik mo’achuun xumura walakaa qaqqabaniiru.

Kilaboonni lamaan walumaa galatti Shaampiyoonsi Liigiidhaan si’a 12 taphatanii Baarsaloonaan si’a 6 yoo mo’atu, Intar Miilaan al 2 qofa mo’ateera. Al 4 ammoo walqixa bahaniiru.

Baarsaloonaan Shaampisoonsi Liigiin al 5, Intar Miilaan ammoo al 3 waancaa fudhataniiru.

Tapha xumura walakkaa Shaampiyoonsi Liigii kaleessa taphatameen ‘PSG’ dirreesaan alatti Arsenaaliin galchii 1 fi 0’n mo’ateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015