Sagantaan Piriimer Liigii Itiyoophiyaa torbee 27ffaa har’a eegala

Ebla 22/2017(TOI)-Sagantaan Piriimer Liigii Itiyoophiyaa torbee 27ffaa har’a eegalee ni’adeemsifama.

Guyyaa keessaa sa’aatii 9tti Sihul Shiree Walaayittaa Diichaa, galgala sa’aatii 12tti Magaalaan Adaamaa Walwaalloo Addigiraat waliin nidorgomu.

Boru ammoo Bunni Itiyoophiyaa magaalaa Dirree Dawaa, Faasiil Kanamaa Hadiyyaa Hoosaa’inaa fi fi Maqalee 70 Indartaa Qiddus Goorgis Waliin nidorgomu.

Sagantaan torbee 27ffaa amma Ebla 25 bara 2017tti akka adeemsifamu waldaan aksiyoonii Liigichaa beeksiseera.

Itiyoophiyaa Madin qabxii 51’n Liigicha yoo dursu, magaalaan Bahaar Daar qabxii 40’n sadarkaa lammaffaarra jira.

Bunni Itiyoophiyaa qabxii39’n sadaffaa, Machaal qabxii 38’n sadarkaa afraffaa irra jira.

Magaalaan Hawaasaa, magaalaan Adaamaa, Sihul Shiree fi Walwaalloo Addigiraat Yuunivarsiitiin sadarkaa 15ffaa amma 18ffaa qabachuun sadarkaa gadi bu’aarra jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015