Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob yaadamoonni badhaadhinaa qabatamaan kan keessatti mul’atanidha-Obbo Adam Faaraah - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob yaadamoonni badhaadhinaa qabatamaan kan keessatti mul’atanidha-Obbo Adam Faaraah

Ebla 21/2017(TOI)- Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob yaadamoonni badhaadhinaa bu’uraaleen qabatamaan kan keessatti mul’atan ta’uu sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hoogganaan qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah ibsan.
Paartiin badhaadhinaa dabalatee miseensonni hooggansa paartii siyaasaa dorgomtootaa garagaraa wiirtii tajaajila tokkoo Masoob daawwataniiru.
sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hoogganaan qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah wayita kana akka jedhanitti, yaadamni ida’amuu hojii baaqqee osoo hintaane waloomuun waan fooyyee milkeessuu, karaa walsimee fi qindaa’een hojjechuun bu’aansaa gaarii ta’uuf agarsiiftuudha.
Tajaajilli wiirtuu tokkoo nama kan giddugaleeffate ta’uu eeranii, lammiilee hunda walqixaa fi haqa qabeessummaan kan tajaajiludha jedhaniiru.
Tajaajiloota mootummaa teeknooloojiin kan deeggaraman si’ataa, ariifataa akkasumas qulqullina kan qaban akka ta’an hojjettoota leenjisuun alatti hojmaanni ittigaafatamummaa akka bu’u taasifamuu ibsaniiru.